Kampaanii Ingiliizii Kaafaa Miniraal Naannoo Oromiyaatti Albuudaa Sookkoo oomishuuf qophii irra jiru taaksii birrii miiliyoona 30 ol mootummaa irra akka deebifate beeksiiseera

Kaampaanii Kaafaa Miniraal Godina Wallaaggaa Lixaa ganda Tulluu Qaapiitti Albuuda Sookkoo Omishuuf kaampaanii biraa irra wayita fudhatu seeraan ala taaksii akka kaffalu taasifame jechuun komii dhiyeeffate ture.
Abbaan Taayitaa Galiiwwaan fi Gumuruukii Itoophiyaa birrii miiliyoona 73 seeraan ala akka kaffaluu waan dirqisifameef maallaqni kun akka deebi’uuf gaafacha tureera.
Kampaaniich tibbaanna Oomisha Albuuda Sookkoo jalqabuuf qophii irra wayita jiruutti mootummaan Itoophiyaa birrii Miiliyoonni 30 akka deebi’uuf murteessuun himameera
Birrii miiliyoonni 43 hafe immoo ji’oota laman dhufan keessa akka deebi’uuf mirkaneeffachusa kampaaniich beeksiiseera.
Kampaaniin kun bakka Albuudaa Oomisha sookkoo kanarraa namoota lakkofsi isaanii hin beekamne buqqisuun bakka biraatti qubachiisuuf qophii irra akka jiru beeksiiseera.
Maallaqa mootummaa Itoophiyaa harkaa deebifate kana oomisha Albuuda sookkoo jalqabuuf qophiirra jiru kanaaf akka oolchuu kampaaniichi beeksiiseera.
Hoggantoonni Kampaaniichaa Ebla 20 jalqabee Godina Wallaaggaa Lixaa Gandoota Aanaa Ganjii jala jiran Qaabii Gurraachaa fi Biqiltuu Anqoree bakka Oomisha Albuudaa Sookkoo kana akka daawwatan himameera.