Naannoo Gambeellaatti Abbootiin Qabeenyaa Invastimantii qonnaa irratti bobba’an 260 ol mootummaan naanniicha eyyama invastimantii isaanii waliigaltee tokko malee akka jala haqe himaniiru

Naannoo Gambeellaatti lafa abbaa qabeenya tokko kenname kan biraa akka ragaatti qabsisee maallaqa ittin liqeeffachaa turuun waan beekameef, dhimmii kun hanga qulqulleeffamuutti abootiin qabeenya hojii isaanii akka adda kutan ajajamuun waggaa tokko ol akka turan kunniin himaniiru.
Mootummaan dhimma kana qoratee erga xumure booda gara hojiitti deebi’uuf abdiin eegaa turaniis mootummaan naannoo Gambeellaa waliigalteen abbootii qabeenyaa 269 akka hafu guchuun sirri miti jechuun waldaan abbooti qabeenya komateera.
Hojiin eyyama invastimantii isaanii haquu kun seeraan alaa akka ta’e hoggantoonni waldaa Abbootii qabeenya kunniin miidiyaalee biyyaa keessatti himaniiru.
Abbootiin qabeenya kunniin maallaqaa isaanii baankii qabsiisuun liqii dabalataa akka isaaniif kennamuuf waggoota lama oliif eegaa akka turanii fi qaamni dhimmi ilaallatu deebii seera- qabeessa akka isaaniif kennu gaafataniiru
Baankiin Misooma Itoophiyaa Invastimantii qonnaa wajjiin walqabatee lafa tokko irratti namoota adda addaaf liqii kennaa waan tureef kisaaraan birrii biiliyoonaatti lakkawamu irra akka gahe ni yaadatama.
Abbootiin qabeenya 25 birrii miiliyoona hedduu baankii misoomaa Itoophiyaa qabsiisuun liqii dabalataa gaafatanii waggaa lama oliif eegaa turan miidhamu isaanii waldaan Abooti qabeenya naannoo Gambeellaa beeksiiseera.
Pirizedantiin naannoo Gambeellaa Obboo Gaat Luwaak gamasantiin, lafti mootummaa federaalaa harka ture naanniichi akka bulchu erga murteeffame booda tarkaniiffii qorannoo irratti hunda’uudhaan fudhatameen komiin kun dhiyaachuusa dubbataniiru
Abootiin qabeenya komii qaban dhimmi kun irraa deebiin akka ilaallamuuf wajjira Ministira Muummeetti iyyataniiru.
Wajiirri ministiira Muummees komiin abbootii qabeenya kun irra deebiin akka ilaallamu murteessusa gabaafameera.