Itoophiyaatti Lakkofsii Namoota Gargaarsii Hatattamaa isaan barbaachisu Miliyoona Lamaan akka Dabale himameera

Itoophiyaatti sababa hongee cimaa mudate wajjiin walqabatee lakkofsi namoota gargaarsa midhaan nyaata isaan barbaachisu miliyoona laman akka dabale himameera. Haaluma kanan lakkofsi lammiilee biyyaatti gagaarsa midhaan nyaata hatattamaa isaan barbaachisu gara miiliyoona 7.78 akka ol guddate Komishinariin Qajeelcha hojii Yaaddoo Biyyaaleessa Mitikkuu Kaasaa Sagalee Amerikaa Sagantaa Afaan Amariffaatti himaniiru. Namoota bifaa haaraan gargaarsa midhaan nyaata isaan barbaachisu miiliyoona lama keessa ...

Read More »

Komishinaariin Mirga Namoomaa Mootummoota Gamtomaanii Itoophiyaa Daawwachuuf akka ta’e himameeera.

Komishinaariin Mirga Namoomaa Mootummoota Gamtomaanii Zayiid Raadii Al-Huseen torbee dhufu keessa Itoophiyaa akka daawwatan komishiniichi ibsa baaseen beeksiiseera. Mormii Ummata Oromoo waggaa tokko oliif ture wajjiin walqabatee loltoonni mootummaa tarkaniiffii humna ol fayyadamuun lammiilee nagaa ajjeessan jechuun komishinaariich balaleeffachaa turaniiru. Ajjeecha fi dhiittaa mirgaa namoomaa loltoonni mootummaa raawwatan kun qaama bilisaan akka qulqulleeffamu Komishiniin Mirga Namoomaa Mootummoota Gamtomaanii gaafacha tureera. ...

Read More »

Kaampaaniin biyyaa Ingliizii naannoo Oromiyaa Oomisha Albuuda Sookkoo etyma invastimantii fudhate tokko namoota baay’ee qa’ee isaaniirra buqqisuun bakka bira qubachiisuuf kophiirra akka jiru beeksiiseera.

Kampaaniin biyyaa Ingliizii Kaafaa Miniraal jedhamu waliigaltee waggaa tokkoon dura mootummaa wajjiin mallatteesseen Oomisha albuuda Sookoo irratti bobba’uuf qophii xunureera. Kampaaniich naannoo Oromiyaa Godina Wallaaggaa Lixaa ganda Tulluu Qaabiitti lafa bali’aa Oomisha Sookkootiif waggoota 20f fudhateera. Pirojektiin Oomisha Sookkoo kun ji’oota muraasa dhufan keessa akka jalqabamu kampaaniich beeksiiseera. Namoota baay’ee lafa kampaaniichaaf kenname kana irra jiraatan bakka biraatti qubachiisuuf mootummaa ...

Read More »

Himaannaa deeggarsa Imbaasii Itoophiyaa Amerikaa jiruutiin ESAT irratti dhiyaate mani murtii magaala Aleksandiriiyaa kuffiseera.

Namoonni fi qaamooleen Imbaasiin Itoophiyaa Washington Dc jiru maallaqaan gargaaru manneen murtii Amerikaa irratti dhaabbilee lammiilee Itoophiyaa fi namoota dhunfaa himaachuu itti fufaniiru. Himaannaa Darkitaarii ESAT duraanii Na’aamiin Zallaqaa fi gaazeexxeessa Kasaahuun Yilmaa irratti dhiyaate manni murtii magaalaa Aleksandiriiyaa jalqaba torbe kanaatti fudhatama hin qabu jechuun murteesseera. Himaannaan Imbaasiin Itoophiyaa Washington DC jiru aktivistoota Itoophiyaa magaalaatti irratti dhiyeesse ture kanan ...

Read More »

Mootummaan Itoophiyaa Namoota maatiin isaanii loltoota mootummaan jala ajjeeffaman galma’aanii beenya akka argataniif kakasuun akka jalqabame dhaga’ameera

Mormii Ummataa wajjiin walqabatee bakka tokko tokkootti loltoonni mootummaa tarkaniiffii humna oliitti fayyadamuun namoota nagaa akka ajjeessan Komishinii mirga namoomaa Itoophiyaa gabaasa baaseen beeksiisuun isaa ni yaadatama. Komishiniichi humnoonni mootummaa tarkaniiffii seeraa oliitti fayyadamuun namoota ajjeessani seeraatti akka dhiyaataniis hubachiiseera. Mootummaan ajajoota loltoota mootummaa fi pooliisii federaalaa yakkaa ajjeecha kana raawwatan seeraan akka hin gaafatamneefi yakka kanarra bilisa gochuun hoggantoota ...

Read More »

Godina Shawaa Lixaa Aanaa Calliyaatti Ijaarsi daandii jalqabame ture waan giduutti dhaabbateef jirattoonni komataniiru.

Godina Shawaa Lixaa aanaa Calliyaatti ijaarsi daandii aspaaltii magaalaa Geedoo hanga Mana Beenyaa bara kana ni xumurama jedhame ture. Ijaarsi daandii aspaaltii Geedoo- Mana Beenyaa kun waggoota sadii dura wayita jalqabamu bara kana keessa xumurame tajaajila akka kennu hmamee ture. Yaa ta’u malee, ijaarsi daandichaa wadhakaadhaa osoo hin geenye gidduutti waan dhaabbateef rakkoo geejibaa hammeessuusa jirattoonni naanniichaa himaniiru. Daandii Aspaaltii ...

Read More »

Magaalaa Gondoor keessaatti yeroo adda addaa dhohaatii boombii hordofuun lammiileen Amerikaan gara magaalaatti imalan ofi-eegaannoo gochuu akka qaban akeekkachistee jirti

Magaalaa Gondooriitti ji’a kana qofa yeroo afur boombiin harkaa akka dhowee Imbaasiin Amerikaa magaalaa Finfinnee jiru mirkaneesseera. Haala kanas dhiyeenyaatti hordofaa akka jiru beeksiiseera. Guyyoota laman dura naannoo turistoonni haara itti galfatan tokkootti haleellaan boombii raawwatamee akka ture jirattoonni magaalaatrti himaniiru. Boombii magaalaa Gondoor keessatti yeroo gara gara dhowaa jiru kanan namoonni lakkofsi isaanii hin beekamne miidhaan irra gahaa akka ...

Read More »

Baankiin Daldala Itoophiyaa Liqii Invastimantii Abbootii Qabeenya dhunfaaf kennuu dhaabeera.

Qajeelfama haaraa Baankiin Biyyaaleessaa baase hordofun Baankiin Daldala Itoophiyaa liqii abbootii qabeenya dhunfaaf kennaa ture Ebla 2 bara 2009 jalqabee kennuu dhiisuusa Gaazexxaan Kaappitaal jedhamu gabaaseera. Abbootiin qabeenya baankii daldala Itoophiyaa irra liqii akka hin arganne dhorkaman gaaffii liqii baankii misooma daldaola Itoophiyaaf akka dhiyeessanii keessumessamaniif ajajni akka kenname himameera. Qajeelfama haaraa baankiin biyyaaleessa baasee kanan abbootiin qabeenya gaaffii liqii ...

Read More »

Warshaan Shukkaaraa Tandaahoo hojjattoota hojii irra hin jire 1,500 oliif mindaa kaffalaa jira jedhameera.

Warshaa Shukkaaraa Tandaahoo hanqina fedhii shukkaraa biyyaa keessa furuu fi sharafa biyyaa alaa akka argamsiisuuf ijaaramuus hanga ammatti shukkaraa Omishuu akka hin jalqabne himameera. Warshiichi hojii akka hin jalqabneef sababa kan ta’e immo shankoorri oomishaaf barbaachisu waan hin geenyeef jedhameera. Warshaan Shukkara Tandaahoo Waggaatti shankoora toonii kuma 13 daakee shukkaara kumtaalaa miliyoona 3 Oomishu ni danda’a jedhame ture.Yaa ta’u malee ...

Read More »

Gaazeexxeessa Iskindir Naggaa Goota Pireesii Addunyaa bara 2017 jedhamuun filatameera

Institiyuutiin Pireesii Addunyaa Gargaarsa Miidiyaa Addunyaa wajjiin ta’un Gaazeexxeessa Iskindiir Naggaa Goota Pireesii bara 2017 jechuun moggaseera. Dhaabbaatiichi ibsa gaafa kibxataa baaseen badhaasa gaazeexxestoota addunyaa yaada isaanii obsa daangaa hin qabneen bilisaan ibsachuuf kutannoo cimaa qabaniif kennu kan bara 2017 gaazeexxeessa Iskindiir Naggaa akka filatame beeksiiseera . Gaazeexxeessa Iskindiir Naggaa waggoota jahan darbaniif mana hidhaa kan jiru yoo ta’u, erga ...

Read More »