Loltoonni Itoophiyaa fi Keeniyaa Sumaliyaatti bobba’aanii jiraan lammiilee nagaa irratti tarkaniiffii humna olii akka fudhatan Dhaabbaanni Gargaarsa tokko gabaasa baaseen beeksiiseera.

Daangaa Itoophiyaa fi Sumaliyaattii Liyyuu Pooliisiin horsiisee bultoota Sumaalee irratti dhiittaa mirga namoomaa raawwachaa akka jiru Raadiyoon Sagaleen Amerikaa sagantaan Afaan Sumaalee gabaasa dhaabbaticha waabeffachuun gabaaseera.
loltoonni mootummaa Itoophiyaa dubartoota humnaan gudeedu dabalatee miidhaa qaama hir’isuu akka raawwatan gabaafameera
Naannoo daangaa Itoophiyaa fi Sumaliiyaa irra kan buqqa’ee namni Mohammaad Muktaar jedhamu obboleettiin isaa hangafiin Ruuqiiyaa jedhamtu ji’oota 15 dura liyyuu pooliisiin gara magaalaa xiqqoo daangaa Itoophiyaa keessa jirtu Bariitti akka fudhatamte beeksiiseera.
Abbaan warraa obbooleetti isaa yeroo tokkoo garee Al -Sheebaa waan deeggaree fi dolaarii 100 waan fudhate jecha loltoonni Itoophiyaa tarkaniiffii kana fudhatan jedheera.
Loltoonni mootummaan ergama nagaa kabachiisaa gamtaa Afriikaatiin alaa gara Sumaliiyaatti bobba’an kunniin itti gaafatamummaan isaanii akka isa shakkisisee dhaabbatich beeksiiseera
Liyyuu Pooliisii kan jedhaman hidhattoonni mootummaa akka lakkofsa warra faranjoota bara 2007 akka hundeeffaman kan yaadatamudha.
Miseensoonni Liyyuu Pooliisii kunniin naannoo Sumaaleen dabalatee naannoolee biroo keessatti dhiittaa mirga namoomaa akka raawwatn yeroo adda addaa gaabafameera.
Loltoonni Mootummaa keeniyaas yakkaa dimishaashaan hidhuu dabalatee dhiittaa mirga namoomaa raawwachaa akka jiran dhaabbatich ragaalee adda addaa waabeffachuun gabaaseera.
Dubbii himaan Raayyaa Ittisa Biyyaa Keeniiyaa yakka loltoonni isaanii raawwatan jedhame kana soba jechuun waakataniiru.
Qondaltoonni Mootummaa Itoophiyaa gamasantiin, dhima kana ilaalchisuun hanga ammatti deebiin kennan hin jiru jedhameera.