Abbaan-Alangaa mormii Dr Maraaraa Guddinaa irratti deebii Mana Murtiif dhiyeesseera

Doktar Mararaa Guddinaa yakka shororkeesummaa Abbaan Alangaa mootummaa Itoophiyaa ittiin isaani himaatef mormuun deebii dhiheeffachuun isaanii ni yaadatama.
Dr Maraaraa Guddinaa mormii isaanii kanan Dr Birhaanuu Naggaa fi Juhaar Mohammaad wajjiin himatamuu hin qabu jechuun himaannaan isaanii adda bahee akka ilaallamu gaafataniiru
Abbaan Alangaa garuu galmaa fi kaayyoo tokko waan qabaniif himannaan isaanii adda bahuu hin qabu jechuun deebii kenneera.
Dr Maraaraa Guddinaa labsii yeroo hatattamaa hin darbine jedhanii mormaniis abbaan alangaa garuu labsii yeroo hatattamaa darbaan ittiin jedhe mormeera.
Mannii Murtiichaa mormii garee lamanuu qorachuun murtii kennuuf caamsaa 25 bara 2009tti beelameera.
Hogggaanan Paartii Kongraasii Federalistii Oromoo Dr Maraaraa Guddinaa ji’oota murasaan dura afeera parlaamaa gamtaa Awurooppaa irratti hirmachuun gara biyyaatti wayita deebi’an loltoota mootummaan qabamanii hidhamuun isaanii ni yaadatama.
Abbaaan Alangaa Mootummaa Itoophiyaa Dr Maraaraa Guddinaa Pirofesaar Birhaanuu Naggaa wajjiin walarganiiru jechuun himateera.
Kana malees mormii ummata Oromoo waggaa tokko ol ture wajjiin waliitti dhufeenya qabu ittin jedheera.
Dr Maraaraa Guddinaa Mormii dhiyeenya dhiyeeffataniin mormii Ummataa fi naannichaatti dhabamuu tasgabbiitiif ani itti gaafatamuu hin qabu jedhaniiru
Parlaamaan Gamtaa Awurooppaa hidhamuun Dr Maraaraa guddinaa akka isaa Yaadesse hima kan ture yoo ta’u, dhaabbanni Human Right Watch gamasatiin himaannaan isaan irratti dhiyaate kun ergama siyaasa qaba jechu Dr Maraaraan akka gadi dhifaaman gaafachuun ni yaadatama.