Godina Wallaaggaa Lixaatti Albuuda Sookkoo Oomishuuf qophiirra kan jiru Kampaaniin Kaafaa Miniraal jedhamu miidhaa naannoo irraan gaheen beenyaa dolaarii miiliyoona 12 akka kaffalu gaafatameera.

Kampaaniin biyyaa Ingliizii Kaafaa Miniraal jedhamu naannoo Oromiyaa Godina Wallaaggaa Lixaatti Albuudaa Sookkoo Oomishuuf qophii irra akka jiru beeksiseera.
Kampaaniichi Pirojektii kana osoo hin fudhane dura bara 1998 hanga 2006tti albuudaa sookkoo wayita barbaadu naannoo irratti miidhaa qaqqabsiise jechuun mootummaa naannoo Oromiyaa mana murtiitti akka isa himate beeksiiseera.
Mannii murtii Ol -Iyyaannoo Oromiyaa himaannaa kana erga dhaggeeffate booda kampaaniichi miidhaa naannoo irran gaheef beenya dolaarii kuma dhibba jaha akka kaffalu dhiyeenya akka itti murteesse kampaniich beeksiiseera
Kampaaniichi murtii kana mormuun Ol-Iyyaannoo akka gaafatees himeera
Murtiin kenname kun miseensoota Kampaaniicha keessaa gahee Akisiyoonii qaban akka soodachiise himameera.
Mootummaann Naannoo Oromiyaa kampaaniin kun Godina Wallaaggaa Lixaa keessatti albuudaa Sookkoo wayita barbaada tureetti miidhaa naannoo irran gahee jira jechuun waggoota sadii dura mana murtiitti akka himate hubatameera.
Kampaaniin kun miidhaa naannoo irran gaheen beenyaa dolaarii miiliyoona 12 akka kaffaluu himatamuus manni murtii garuu beenyaa dolaarii kuma dhibba jaha qofa akka kaffalu itti murteesseera.
Kampaaniichi yeroo ammaaa Oomisha Sookkoo jalqabuuf jirattoota sababa kanan qa’ee isaniirra buqqa’aan bakka biraatti qubachiisuuf mootummaa wajjiin hojjachaa akka jiru beeksiiseera
Kampaaniin Kaafaa Miniraal jedhamu kun Albuudaa Sookkoo naannichaatti argamu waggoota 20n dhufaniif oomishuuf waliigaltee irra gahuusa beeksiiseera.

Mootummaan Itoophiyaa miidhaa balaa hongee qaqqabsiisaa jiruuf xiyyeeffanna gahaa hin kenniine jedhamee akka komatamu gaazeexxaan Washington Post gabaaseera .

Akka gabaasa kanaatti ,Itoophiyaan biyyaa diinagdee saffisaa galmeesiissa jirtu jedhamtee waan waamamaa jirtuuf , gara balaa hongee fi beelaatti deebitee jirti akka jedhamtu Mootummaan waan hin barbaaneef balaan hongee kun xiyyeeffaanna gaha akka hin arganne gochuusa gabaaseera.
Lakkofsi lammiilee Itoophiyaa gargaarsa midhaan nyaataa isaan barbaachisu miiliyoona 5.6 irra gara miiliyoona 7.7 akka ol guddate mootummaan Itoophiyaa fi Dhaabbanni mootummoota Gamtomaanii torbee darbe beeksisaniiru.
Mootummaan Itoophiyaa balaa hongeen qaqqabsiisa jiruu fi lakkofsi namoota gargaarsa midhaan nyaataa isaan barbachiisuu akka dabale dhoksaa erga ture booda torbee darbe akka hime gabaafameera.
Hanqinni midhaan nyaata jirattoota naannoo Sumaalee mudate cima waan dhufeef sagantaan nyaata addunyaa gargaarsa kennuu dhibbeenta 80 akka hir’isuuf dirqamuusa himameera.
Sagantaan Nyaata Addunyaa gargaarsa biyyoota gaanfaa Afriikaaf kenna jiru wajjiin walqabatee hanqina bajeeta dolaarii miiliyoona 100 fi miiliyoona 21 akka isa mudate beeksiiseera.
Maallaqmi yeroo amma harkaa qabuu ji’oota muraasa dhufan keessatti akka harka dhumu gaazeexxaan kun qondaltoota sagantiichaa waabeeffachuun gabaaseera.
Afriikaatti dubbi himaan Sagantaa Nyaata Addunyaa Chaliis Maak Danuug Itoophiyaa dabalatee balaa hongee biyyoota gaanfa Afriikaa mudateen hanqinni midhaan nyaata kan yeroo kamu caalaa yaadeessa akka ta’e dubbataniiru.