Kuusaan maallaqa sharafa Alaa kaffaltii meeshaalee ji’oota lama hanga sadii gahuutti gara biyyaa galaniif kaffaluuf kan dandesiisu qofa akka jiru Baankiin Biyyaaleessa mirkanesseera

Daldaltoonni meeshaalee biyyoota alaatii bitanii galchaan rakkoo sharafa alaa biyyaatti mudate wajjiin walqabatee sharafa alaa argachuuf hanga ji’oota jahaaf dabaree eegaa akka jiran himaniiru.
Hogganaan baankii Biyyaaleessa Itoophiyaa obboo Taklawald Axinaafuu dhimma kana ilaalchiisuun gabaasa raawwii ji’oota sagalii mana maree bakka bu’oota ummataaf dhiyeessaniiru.
Kuusaan sharafa maallaqaa alaa yeroo ammaa jiru baasii meeshaalee ji’oota lama hanga sadii giddutti gara biyya keessaa galaniif kaffaluuf kan dandeesiisuu qofa akka ta’e obboo Taklawald dubbataniiru.
Baasii fi galiin daldala Itoophiyaa kan wal hin simne waan ta’eef qaala’iinsi sharafa biyyaa alaa akka mudatuuf sababa akka ta’e himameera.
Biyyaattiin ji’oota sagalan darbaan Oomishaalee gara alaatti ergiteera galii dolaarii biiliyoona lama qofa kan argate yoo ta’u, oomishaalee gara biyyaa keessa galaniif immoo dolaarii biiliyoona 11.5 baasii akka ta’e miidiyaaleen mootummaa gabaasaniiru.
Ji’oota jahan darban lammiileen Itoophiyaa biyyoota alaa jiraatan dolaarii biiliyoonaa 2.4 gara biyyaatti erguun sharafa biyyaa alaa akka argamsiisaan ragaan baankii Biyyaaleessa ni mul’isa.
Baankiin Addunyaa fi dhaabbiileen Faayinansii Addunyaa Itoophiyaa hanqina sharafa alaa furuuf imammata diingdee foyyeessuun humna bittaa birriin dolaarii wajjiin qabu akka hir’istu gorsaa turaniiru.
Qondaltoonni Mootummaa Itoophiyaa garuu yaadni kun fayeeda isaa caalaa miidhaa qaba jechuun akka hin fudhane beeksiisaniiru.