Itoophiyaatti lakkofsi lammiilee gargaarsa midhaan nyaata hatattamaa barbaadan dabaluu akka danda’u gabaafameera.

Balaa hongee Itoophiyaa mudateen lakkofsi namoota gargaarsa midhaan nyaata hatattamaa barbachiisu dabalu akka danda’u gabaafameera. Mootummaa Itoophiyaa lakkofsi namoota gargaarsa midhaan nyaata hatattamaa isaan barbachisu miiliyoona 7 fi kuma 700 akka ta’e dhiyeenya beeksiisuun ni yaadatama. Balaa hongee kanan Beelladoonni mana baay’een kan du’aan yoo ta’u, roobni yeroo amma roobaa jirus amansiisaa miti jedhameera. Gargaarsa midhaan nyaata yeroo ammaa dhiyaachaa ...

Read More »

Manni Murtii Olaanaa Federaalaa obboo Yoonaataan Tasfaayee hidhaa waggaa 6 fi ji’a 6 itti murteesse

Manni Murtii Federaalaa Olaanaa hogganaa dhimmoota komunikeshinii Paartii Samaayaawwii duraanii obbo Yoonaataan Tasfaayee hidhaa waggaa 6 fi ji’a 6n akka adabamu itti murteessera. Mana murtii ragaalee himatamaan adabiin akka isaaniif hir’atuuf dhiyeeffatan 3 xiyyeeffannoo keessa galchuun murtii adabbii kana akka murteesse Gaazexxaan Addis Standard gabaaseera Obboo Yoonaataan Tasfaayee mormiin Ummata Oromoo jalqabamee ji’oota muraasaan booda ji’a muddee bara 2008 qabamaanii ...

Read More »

Dhoohinsa Maancheestariitti raawwatameen namoonni 22 lubbuusaanii akka dhaban gabaafaneera.

Ingilaand Maancheestaritti balaan Shororkeessummaa wixataa galgala raawwatamee namoonni 22 lubbuusaanii dhabaniiru . Balaa shororkeesuummaa kanan namoonnoi 59 immoo akka madaa’aan Pooliisiin magaalaatti beeksiseera. Balaa Sukkaneessan kun kan qaqqabee weellistuun Ameerikaa Ariyaanaa Graandee agarsiisaa Sirbaa ishee erga dhiyeessitee booda akka ta’e ”BBC’ gabaaseera. Balaa Shororkeessumaa lubbuu namoota nagaa 22 gaalafate kana dargageessi waggaa 22 Salmaan Abedi akka raawwate shakkuusaa Pooliisiin Maancheestar ...

Read More »

Naannoo Sumaaleetti dhibeen Garaa kaasaa fi haqqee lubuun namoota 700 ol akka gaalafate Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa beeksiseera.

Mootummaan Itoophiyaa Dhibee Garaa kaasaa fi haqqee lubbuu jirattoota naannoo Sumaalee balaaf saaxile kana dhibee koleeraa miti jechuun mormaa jira. Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa gamasatiin, dhibeen garaa Kaasaa fi haqqee nanniichaatti namoota baay’ee ajjeessa jiru kun dhibee Koleeraa akka ta’e bu’aa qorannoo Labratooriitiin akka mirkaneeffate Gaazexxaan Newyork Times gabaaseera. Yaa ta’u male, dhaabbatich dhibee Garaa kaasaa fi haqqee jedhe ibsu kanan ...

Read More »

Naannoo Gambeellaa Godina Maajaangiitti Weeraarri Dhibee Busaa akka mudate Dhaabbanni Mootummoota Gamtomaanii beeksiiseera.

Naannoo Gambeellaa Godina Maajaang Aanaa Mangaashii weeraara dhibee busaatiin hanga ammatti namoonni 550 akka dhukkubsatan himameera. Weeraarri dhibee busaa kun gara gandoota ollaatti babal’achuu akka danda’u dhaabbatich gabaasa baaseen beeksiiseera. Weeraara dhibee busaatiin hanga ammatti namni du’e kan hin gabaafmne yoo ta’u, daa’immaan umriin isaanii hanga waggaa 14 ta’e dhibeef akka saaxilaman himameera. Biiroon Eggumsa Fayyaa Gambeellaa ogeessota fayyaa gara ...

Read More »

Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Amaaraatti qonnaan Bultoonni sababa ijaarsa Warshaa Shukkaraa Xaanaa Balasiin lafa isaaniirra buqqa’aan lafti biraa akka hin kennamneef himame.

Naannoo Amaaraattti Qonnaan Bultoonni 213 Sababa ijaarsa Warshaa Shukkaraa Xaanaa Balasiin lafa isaanirra buqqa’aan keessa qonnaan bultoota 11 qofaf lafti jijjiiradhan akka kennameef miidiyaaleen mootummaa gabaasaniiru. Koorpereshiniin Shukkaraa Itoophiyaa gamasatiin, qonnaan bultoota sababa ijaarsa warshaa kanan lafa isaan irra buqqa’aan beenyaan kennamuuf qabu hundaaf kaffaluu isaa beeksiseera. Koorpereshiniich qonnaan bultootaaf beenyaa akka kenne himus qonnaan bultoonni 36 beenyaan hin argane ...

Read More »

Addi Bilisummaa Biyyaaleessa Ogaadeen fi Arbanyooch Ginboota Sabaat wajjiin hojjachuuf waliigalaniiru

Rakkoolee Siyaasaa , Diinagdee fi Hawaasummaa lammiilee Itoophiyaa irra gaha jiru furuuf wajjiin qabsa’uuf akkasumas humnoota jijjiirama Itoophiyaa biroo wajjiin qindominaan hojjachuuf waliigaltee irra akka gahan ibsa basaniin himaniiru Addi Bilisummaa Biyyaleessa Ogaadeen fi Arbanyooch Ginboot sabaat marii guyyoota sadiif Firankfart Jarmaaniitti mari’ataniin haala yeroo Itoophiyaan keessa jirtu gadi fageenyaan akka ilaalan ibsa gareen lamman wajjiin basan irrati himaniiru Mootummaan ...

Read More »

Manni Murtii sirnaa bittaa itoophiyaa Namoota 23 garee shororkeessaa Al-Shebaab fi Alqaayida wajjiin hidhata qabu jedhe hidha hanga waggaa 15n akka adabaman itti murteesseera.

Himatamtoonni manni murtichaa hidhaa waggaa 3 hanga 15 itti murteesse kunniin 1 ffaa Ismaa’el Baqqalaa 2ffaa Sulxaan Ahmad 3 ffaa Ansuu Abduu Kadiriin dabalatee namoota 23akka ta’an miidiyaaleen gabaasaniiru. Himaannaan Abbaa Alangaa akka mul’isutti himatamtoonni kunniin bara 2002 hanga 2006tti magaaloota akka Walisoo, Walqixxee, Jimmaa, Baddallee, Kamisee , Finfinnee fi iddoowwan biyyattii adda addatti gibirri kaffalamuu hin qabu jechuun ummata ...

Read More »

Jiraattonni Magaalaa Burraayyuu bishaan dhugaatii qulqulluu dhabuun rakkachaa jiru.

Jiraattoonni magaalaa Burraayyuu bishaan dhugaatii qulqulluu argachuu waan hin dandenyeef bishaan boollaa fi lagaa qulqullina hin qabne dhuguuf akka dirqaman himaniiru. Dhiyeessi bishaan dhugaatii qulqulluu waan hin jireef bishaan lagaa fi boollatti fayyadamun rakkoo fayyaaf akka isaan saaxile jiraattoonni magaalaatti dubbataniiru. Pirojektiin bishaan dhugaatii Sagantaa WaSH jedhamun jalqabame rakkoo jiraattoota ni fura jedhame kan abdatame ta’uus, hordoffii fi to’aannoo gahaan ...

Read More »

Dr Maraaraa Guddinaa himannaan ittin himataman irra bilisa bahuun hatattamaan gadi dhifamu akka qaban Parlaamaan Gamtaan Awurooppaa gaafateera.

Parlaamaan Gamtaa Awurooppaa dhimma Itoophiyaa yeroo ilaalchisuun ibsa baaseen namoonni mormii ummata Oromoo wajjiin walqabate hidhaman hatattamaan akka gadi dhifaman gaafateera. Yakkii ajjeechaa lammiilee nagaa loltoota mootummaan raawwatame qaama walabaan akka qulqulleeffamu Parlaamaan Gamtichaa irra deebiin gaafateera Dr Maraaraa Guddinaa affeera miseensoota parlaamaa Gamtaa Awurooppaan irratti argaman gara biyyaatti wayita deebi’aan qabamanii hidhamun isaanii ni yaadatama. Himannaan abbaa Alangaa Dr ...

Read More »