Hojjattoonni Daandii Qilleensa Itoophiyaa sababa daawwaannaa jedhuun gara Ameriikaa deemuun baasii tokkoo malee tajaajila dahuumsaa argachuun isaanii akka isa Soodachiisee Imbaasiin Amerikaa Itoophiyaa jiru beeksiiseera

Itoophiyaatti Imbaasiin Amerikaa iyyaannoo daandii Qilleensa Itoophiyaa dhiyeesseen hojjattoonni daandiicha yeroo gara garaa Amerikaa deemuun waldhaansa kamuu argatan akka gabaasuuf gaafachuusa gaazeexxaan Addis Forchuun gabaaseera.
Imbaasiichi maqaa hojjattoonni Daandii qilleensa Itoophiyaa sababa daawwaanna jedhun gara Amerikaa deemuun tajaajila dahuumsaa fi kan biroo argatan harka akka qabu beeksiiseera.
Hojjattoonni daandiichaa wayita Viisaa isaanii haaromsachuuf gara imbaasiicha dhaqan dhimmaa kana qaama ilaaluutti akka himan hubachiiseera.
Hojjattoonni daandiichaa ajaja kana raawwachu didan umirii isaanii guutuu gara Amerikaa akka hin imaleef qoqqophii irra kahuu akka danda’u Imbaasiichi xalaayaa daandiichaaf ergeen akeekkachiiseera.
Hojjaattoonni fi maatiin isaanii tajaajila dahuumsaa fi fayyaa biroo argatan kuusaa baasii waldhaansa irra jiru akka kaffalchiisu Imbaasiichi beeksiiseera.
Hojjattoonni Daandii Qilleensa Itoophiyaa tokko tokko komiin imbaasii kun sirri ta’uusa himaniiru.
Hojjaattoonni daandiichaa baay’ee daa’immni dahaan lamummaa Amerikaa akka argatuuf jecha gocha kana akka raawwatan dubbataniiru
Pirizedaantiin Amerikaa Donaald Traamp imaltoota gara biyyaa keessa galan ilaalchiisuun qajeelfama Viisaa haaraa hojiira oolchuun ni yaadatama.
Yaa ta’u malee, komii hojjattoota daandii Qilleensa Itroophiyaa irratti yoo dhiyaatu kun kan jalqabaatti jedhameera.
Hojjattoonni Daandii Qilleensa Itoophiyaa maqaan isaanii akka dhahamu hin barbaanne akka jedhaniitti imbaasii Amerikaatti viisaa argachuun rakkisaa ta’aa dhufeera.
Daandiin Qilleensa Itoophiyaa komii imbaasiichaa kana ilaalchisee deebiin kenne kan hin jire yoo ta’u, Imbaasiichiis hojjattoonni fi maatiin isaanii meeqaa Amerikaatti tajaajila dahuumsaa fi waldhaansa biroo tolaan akka argatan hin beeksiisne jedhameera.