Jirattoonni Magaala Giincii Ummanni Oromoo fi Amaaraa Diina walwajjiinii tokko akka qabu beeksisan

Godina Shawaa Lixaa Aanaa Dandiitti,barattoonni magaalan Giincii qabsoo uumataa Oromoo teessoo waayyaannee fi guutuu siyaasa biyyaatti jijjiiree keessatti seenaa gudda qabu Barattoonni Giincii shira Mastar Pilaanii Godina Addaa Oromiyaa naannaawa Finfinnee Bulchiinsa Magaala Finfinnee jala galchuuf xaxamee fi manca’iinsa bosona Cilimoo mormuun qabsoo diddaa gabrummaa guutuu Oromiyaa keessatti labsaniiru Qabsoo diddaa Gabrummaa gootata jirattoota Magaala Giinciin jalqabame waayyaannee hudhuun shirri ...

Read More »

Lammiileen Itoophiyaa duula miidiyaa haawasaan hidhamtoota Siyaasa yaadachuuf gaggeeffame irratti hirmaatan.

Lammiilee Itoophiyaa badii tokko malee ilaalcha siyaasa qofaf manneen hidhaa waayyaannee keessatti dararamaa jiranii fi ajjeeffaman yaadachun duulli miidiyaa haawasaan gaafa roobii gaggeeffameera. Kaayyoon duula kanas hidhamtoota siyaasan dararamaa jiran, sababa qorannoo jedhun ajjeeffaman , asi buuteen isaanii hin beekamne fi qaamni isaanii hir’ate yaadachun hawaasa addunyaatti beeksiisuuf akka ta’e qopheesittoonni beeksisaniiru Duula miidiyaa hawaasaa Feesbuukii fi Tiwutaariin gaggeeffame kanarratti ...

Read More »

Wajjiirri Tikaa waayyaanee walitti bu’iinsa daangaa Oromiyaa fi Sumaaleetiif qondaltoota Oromiyaa itti gaafatmtoota gochuf shira xaxu jalqabeera

Wajjirri tikaa mootummaa waayyaannee walitti bu’iinsa daangaa Oromiyaa fi naannoo Sumaalee cimee akka itti fufu gochuu fi qondaltoota mootummaa oromiyaa itti gaafatamtoota gochuf shira xaxu cimsee itti fufeera Hogganaan wajjiira tikaa fi miseensi koree hojii raawwachistu waayyaannee obbo Geetachoo Asaffaa shira kana hojiirra oolchuuf gaazexxestoota miidiyaalee paartii fi hawaasaa durgoo kaffaleef gara naannoo Sumaaleetti bobbaseera Miidiyaan Waayyaannee kan ta’e buufanni ...

Read More »

Daa’immaan dabalatee baqattoonni Sudaan Kibbaa Saddeetti kaampii Baqattooota Gambeellaa keessatti ajjeeffaman

Baqattoonni Sudaan Kibbaa gosa Muurlee saddeetti buufata kaampii Baqattoota naannoo Gambeellaa Diimaatti qamoolee eenyummaan isaanii hin beekamneen ajjeefamun gabaafameeea Hogganaan Kaampii Baqattootaa Andiriiwu Kaakaa akka himanitti muddee 17 dhukaasa halakaan keessa jalqabamee namoonni 8 ajjeeffamaniiru Miseensota gosa muurlee ajjeeffaman keessa afur daa’immaan, sadi immoo dubaratoota akkasumas namni umirii waggaa 60 tokko keessatti argamu Baqattoonni kunniin walitti bu’iinsa Sudaan Kibbaatti mudate ...

Read More »

Fiigichi Lammiilee buqqa’aniif Galii walitti qabuuf mata duree ”Lammii Koof naan fiiga” jedhun magaala Finfinneetti qopheessuuf karoorfame yeroo biratti darbeera.

Waldaan Atleetoota Oromiyaa lammiilee Oromoo naannoo Sumaaleett buqqa’aaniif galii walitti qabuuf waldorgommii Fiigichaa Magaala Finfinnee fi magaaloota Godinaalee Oromiyaa filataman keessatti qopheessuuf koroofateera. Waldaan Atiletoota Oromiyaa fiigicha mata duree ‘Lammii Koof naan fiiga’ jedhu Muddee 22 bara 2010 magaala Finfinneetti akka qopheessu beeksisa turun ni yaadatama. Sagataan waldorgommii fiigichaa muddee 22 bara 2010 magaala finfinneetti qopheessuuf karoorfame kun sababa adda ...

Read More »

Minsitirri Muummee Obbo Hayilamariyaam Dassalaany Miseensoota mana Marii bakka Bu’oota Ummataa wajjiin akka mari’atan himameera.

Minseensoonni mana marii naannoo Oromiyaa fi Amaaraatti filataman haala yeroo biyyaa irratti ministirri muummee Hayilamariyaam Dassalaany mana marii bakka bu’oota ummataatti dhiyaatanii ibsa hanga kennanitti walgahii idilee irratti akka hin hirmaanne himanii turan. Mana marii bakka bu’oota Ummataa waggoota 26 darban olantummaan miseensoota Adda Bilisaa Baasaa ummataa Tigraay itti dagageetti, miseensoonni mana marichaa naannoolee lamaanii seenaa haaraa hojjataniiru Miseensoonni mana ...

Read More »

Hidhamtoota Siyaasa yaadachuf miidiyaa hawaasan duulli akka jalqabamu himame.

Itoophiyaatti hidhamtoota siyaasa manneen hidhaa waayyaannee keessatti dararama jiran yaadachuf miidiyaa hawaasaan duulli akka jalqabamu himameera Haaluma kanan, hidhamtoota siyaasa manneen hidhaa keessatti bifa adda addaan dararamaan yaadachun darara hidhamtootarra gahuu hawaasa addunyaa biraatti beeksisuuf karoorfameera Reebichaa fi dararri hidhamtoota siyaasarra gaha jiru yeroo gara yerootti dabalaa dhufaa akka jiru gabaafameera Lammiileen Itoophiyaa ilaalcha siyaasa itti amanan hordofuun yaada isaanii ...

Read More »

Lammiileen Itoophiyaa 22 kara seeraan alaan Maalaawwiii seenaan jedhaman gara biyyaatti akka deebi’an murteeffameera

Lammiileen Itoophiyaa 22 karaa seeraan alaan daangaa Maalaawwii qaxxamuruun seenaan jedhamanii to’aannoo jala oolfamaniiru Lammiileen Itoophiyaa mana murtiitti wayita dhiyaatan yakka ittiin himataman hubachuu akka hin dandeenye himameera. Turjumaannii yakkaa ittin himatamn afaan isaan beekaniin itti himu waan dhabameef akka gara biyyaatti deebi’an murta’uusa gabaafameera Mootummaan Maalaawwii yaaliin Imbaasii Itoophiyaarra turjumaana argachuf taasise akka hin milkoofne himameera Lammiilee Itoophiyaa biyyaatti ...

Read More »

Godina Harargee Lixaa Aanaa Hawwii Guddinaa fi Daaroo Labuutti rakkoo Umame lubbuu namoota heddu gaalafateera.

Godina Harargee Lixaa aanaa Hawwii Guddinaa fi Daaroo Labuu naannoo Sumaalee wajjiin akka kan wal hin dangeessine himameera. Yaa ta’u malee, dhalattooni naannoo Sumaalee baay’een waggoota hedduuf lammiilee Oromoo wajjiin nagaan jiraacha turaniiru. Kabajaa fi wajjiin jiraachun saboota laman waggoota heddu kun muddee 5 bara 2010 liyyuu Pooliisiin naannoo Sumaalee haleella lammiilee nagaa irratti raawwateen balaaf saaxilameera Sababa weerara liyyuu ...

Read More »

Obboo Abbaa Duulaa Gammadaa walgahii Koree hojii Raawwachiistu Adda Dimokirasummaa Waarraqsa ummatoot Itoophiyaa irratti Komii qaban ibsan

Koreen hojii Raawwachistu Adda dimokirasummaa Waarraqsa Ummattoota Itoophiyaa walgahiisa cufaan jalqabe itti fufeera. Walgahii koree hojii raawwachistuu addicha kanarratti sanadoonni shani mariif akka dhiyaatan keessa beektoonni dubbataniiru Sanadiin marii tokko ministiira muummee Haayilamariyaam Dassalaanyiin kan dhiyaate yoo ta’u, kan hafan arfaan immoo paartiilee miseensa addichan mariif dhiyaataniiru Qabiyyeen Sandoota marii kanniin haala siyaasa yeroo amma biyyaattin keessa jirtuu fi mormii ...

Read More »