Obboo Abbaa Duulaa Gammadaa walgahii Koree hojii Raawwachiistu Adda Dimokirasummaa Waarraqsa ummatoot Itoophiyaa irratti Komii qaban ibsan

Koreen hojii Raawwachistu Adda dimokirasummaa Waarraqsa Ummattoota Itoophiyaa walgahiisa cufaan jalqabe itti fufeera.
Walgahii koree hojii raawwachistuu addicha kanarratti sanadoonni shani mariif akka dhiyaatan keessa beektoonni dubbataniiru
Sanadiin marii tokko ministiira muummee Haayilamariyaam Dassalaanyiin kan dhiyaate yoo ta’u, kan hafan arfaan immoo paartiilee miseensa addichan mariif dhiyaataniiru
Qabiyyeen Sandoota marii kanniin haala siyaasa yeroo amma biyyaattin keessa jirtuu fi mormii ummataa aangoo waayyaannee raasaa jiru irratti kan xiyyeeffau ta’uun himameera
Marii sandoota shanan irratti dhiyaatan dabalatee, aangoo afa-yaa’ii mana marii bakka bu’oota ummataa fedhiin gadhiisuuf gaaffii kan dhiyeeffatan obboo Abbaa Duulaa Gammadaas komii isaanii dhiyeeffataniiru
Obboo Abbaa Duulaa Gammadaa aangoo gadhiisuuf kan dirqaman caasaa mootummaa fi Dhaabaa keessatti olantummaan waayyaannee waan baay’ateef akka ta’e walgahii koree hojii raawwachistuu addichaa irratti beeksisaniiru
Hoggantoota duraanii walgahii koree hojii raawwachistuu addichaa irratti hirmatan yaada obbo Abbaa duulaa mormuusanii himameera.
Hoggantoota OPDO haaroofti immoo yaada Obbo Abbaa Duulaa deeggaruun mirkaneessaniiru
Hoggantoonni waayyaannee gamasantiin, haaromsa gadi fageenya ji’oota lamaf gaggeessaniin, hoggansa jijjiiru dubbachun komii Obboo Abbaa Duulaa Gammadaa mormaniiru.
Bakka bu’oonni Waayyaannee olantummaa siyaasa fi diingdee biyyaatti irratti qaban mormun , dhaabbileen biroo isaniirra barachun haaromsa gadi fagoo gaggeessun of qulqulleessu akka qaban hubachiisaniiru
Hoggantoonni Dhaabbata Dimokirasumma Ummata Oromoo fi Waarraqsa saba Amaaraa gosummaa fi sanyummaa dhadheessuun rakkoo isaanii dhoksuuf yaala akka jiran bakka bu’oonni waayyaannee dubbataniiru
Walgahiin Koree Hojii Raawwachistuu addichaa wixataa ni xumurama jedhamee eegamus mormii cimaa keessumeessa waan jiruf xummuramu hin dandeenye jedhameera.