Daa’immaan dabalatee baqattoonni Sudaan Kibbaa Saddeetti kaampii Baqattooota Gambeellaa keessatti ajjeeffaman

Baqattoonni Sudaan Kibbaa gosa Muurlee saddeetti buufata kaampii Baqattoota naannoo Gambeellaa Diimaatti qamoolee eenyummaan isaanii hin beekamneen ajjeefamun gabaafameeea
Hogganaan Kaampii Baqattootaa Andiriiwu Kaakaa akka himanitti muddee 17 dhukaasa halakaan keessa jalqabamee namoonni 8 ajjeeffamaniiru
Miseensota gosa muurlee ajjeeffaman keessa afur daa’immaan, sadi immoo dubaratoota akkasumas namni umirii waggaa 60 tokko keessatti argamu
Baqattoonni kunniin walitti bu’iinsa Sudaan Kibbaatti mudate wajjiin walqabatee gara Itoophiyaa baqatanii kampiicha keessa jiraacha kan turan jedhameera
Balaa qaama eenyummaan isaanii hin beekamne raawwatame kanan baqataan tokko akka mada’ees gabaafameera
Loltoonni Itoophiyaa balaan kun erga raawwatame booda kaampiicha gahaniis mootummaa waayyaannee ajjeecha kana ilaalchise ibsi kenne hin jiru
Miseensoonni Gosa Muurlee Sudaan Kibbaatti dhufan yeroo adda addaa garaa naannoo Gambeellaatiin daangaa Itoophiyaa seenuun namoota baay’ee ajjeessuu fi daa’immaan ukkamsanii fudhacha turn kan yaadatamudha.