Jirattoonni Magaala Giincii Ummanni Oromoo fi Amaaraa Diina walwajjiinii tokko akka qabu beeksisan

Godina Shawaa Lixaa Aanaa Dandiitti,barattoonni magaalan Giincii qabsoo uumataa Oromoo teessoo waayyaannee fi guutuu siyaasa biyyaatti jijjiiree keessatti seenaa gudda qabu
Barattoonni Giincii shira Mastar Pilaanii Godina Addaa Oromiyaa naannaawa Finfinnee Bulchiinsa Magaala Finfinnee jala galchuuf xaxamee fi manca’iinsa bosona Cilimoo mormuun qabsoo diddaa gabrummaa guutuu Oromiyaa keessatti labsaniiru
Qabsoo diddaa Gabrummaa gootata jirattoota Magaala Giinciin jalqabame waayyaannee hudhuun shirri Mastar pilaanii xaxan akka hafu dirqamsiiseera.
Kana malees xomboor qabsoo walqixummaa , haqaa fi dimokirasii gootonni Giincii guutuu Oromiyaatti qabsiisaan qondaltoota waayyaannee fedhii fi afjuu qabeenya oromiyaa saamuu waggoota hedduuf karoorfatan jala fashaleessun injifannoo boosaa argamsiiseera
Mormiin diddaa gabrummaa Magaalaa Giinciitti jalqabame kun Amboo hanga Wallaggaa , Jimmaa fi Iluu-Abbaa Booraa ,Shawaa Kaabaa hanga Harargee akkasumas Boraanaa, Gujii , Baalee fi Arsii tokko gochun gara naannoo Amaaraatti ce’uun Gondoorii fi Bahaar -Daariitti tokkummaa Ummataa Amaaraa fi Oromoo haaromseera
Tokkummaan Ummataa Oromoo fi Amaaraa qabsoo gootota Giinciin bifa haaraan hunda’ee kun mootummaa waayyaanneef dhukkubbii mataa fi ibida miilaa itti ta’uun guggubaa jira.
Waayyaanneen ibsaa ijannoo maqaa koree hojii raawwachistuu Adda Dimokirasummaa Waarraqsa ummatootaa Itoophiyaan tokkummaa saboota lamaan walitti dhufeenya bu’uura hin qabne jechun kan balaleeffate.
Jirattoonni magaala Giiincii ammas ololaa jibbaa waayyaannee maqaa Ibsa Koree Hojii Raawwachistuu Adda DimokirasummaaWaarraqsa ummattoota Itoophiyaa afarsaa jirtu kanaaf deebii kennaniin Diinaa wal wajjiin tokko qabna jedhaniiru
Diinni guddaan ummataa oromoo fi Amaaraa Mootummaa waayyaannee qofa akka ta’e jirattoonni Magaala Giincii Shaambuu hiriira mormiin mirkaneessaniiru.
Jirattoonni dhadannoo Afaan oromoo fi Amariffaan dhageesiisaa turaniin ‘Dhiigni Amaaraa dhiiga Oromooti, Dhiigni Oromoo dhiiga Amaaraatti, Diinni Oromoo diina Amaaraatti Diinni Amaaraa Diina Oromootti yoomu adda hin baanu’ jedhaniiru
Mootummaan waayyaannee xumura walgahii Koree Hojii Raawwachistuu Adda DimokirasummaaWaarraqsa ummattoota Itoophiyaa ilaalchisun ibsa baaseen walitti dhufeenya saba Amaaraa fi Oromoo balaleeffateera.
Bifuma walfakkatuun, Achuma Godina Shawaa Lixaa Aanaa Ada’aa Bargaatti Jirattoonni magaala Incinnii hiriira mormii bahun bulchiinsa mootummaa waayyaannee balaleeffataniiru
Godina Horroo Guduruu Wallaggaatti Jirattoonni magaala Shaambuus tokkummaan ummataa Oromoo fi Amaaraa yoomu akka hin diigamne hiriira mormiin mirkaneessaniiru.