Wajjiirri Tikaa waayyaanee walitti bu’iinsa daangaa Oromiyaa fi Sumaaleetiif qondaltoota Oromiyaa itti gaafatmtoota gochuf shira xaxu jalqabeera

Wajjirri tikaa mootummaa waayyaannee walitti bu’iinsa daangaa Oromiyaa fi naannoo Sumaalee cimee akka itti fufu gochuu fi qondaltoota mootummaa oromiyaa itti gaafatamtoota gochuf shira xaxu cimsee itti fufeera
Hogganaan wajjiira tikaa fi miseensi koree hojii raawwachistu waayyaannee obbo Geetachoo Asaffaa shira kana hojiirra oolchuuf gaazexxestoota miidiyaalee paartii fi hawaasaa durgoo kaffaleef gara naannoo Sumaaleetti bobbaseera
Miidiyaan Waayyaannee kan ta’e buufanni Televizhiinii ‘ENN’ jedhamu fi miidiyaa hawaasa Ayigaa Foram jedhamu fi gaazexxestoonni miseensoota waayyaannee biroo gara naannoo Sumaalee imaluun namoota buqqa’aan jedhaman dubbisaa akka turan himameera
Gaazexxestoonni waayyaannee kunniin lammiilee naannoo Sumaalee qondaltoota naannichaan filatamanii maal dubbachuu akka qaban duurfamee itti himame qofa dubbisu jedhameera.
Namoonni naannoo Oromiyaatti buqqa’aan jedhaman kunniin oromoonni badii sukkaneessaa fi cubbuu guddaa nurratti raawwatan jechun olola sobaa maqaa xureessuu qofa akka dubbatan itti himameera
Dhalattoonni naannoo Sumaalee naannoo Oromiyaati buqqa’aan jedhaman kunniin qondaltoonni Oromiyaa keessattu Obbo Abbaaduulaa Gammadaa fi Ministirri wajjiira dhimmoota Komunikeshinii doktor Nagarii Leencoo seeraatti akka dhiyaatan Olola sobaa wajjiirri tikaa waayyaannee qopheesse kanan beeksisaniiru
Televizhiniin Waayyaannee olola sobaa itti dhaadheessuuf qopheessite ‘ENN’ jedhamu immo gabaasa sobaa hogganaan wajjiira Tikaa obbo Geetachoo Asaffaa qondaltoota mootummaa naannoo Oromiyaa ittin sodaachisuuf qopheessan dhiyeenya qilleensarra ni oolcha jedhame eegama
Gabaasni soboo kun akkuma kana dura hunda qondaltoota Oromiyaa sodaachisuun fedhii olantummaa tigraay fixaan baasuuf kan karoorfame jedhameera
Oduu biraan immoo, Raayyaan ittisaa biyyaa milishoota fi Pooliisoota Oromiyaa daangaarraa kaasaa akka jiru himameera.
Sababni isaa immoo daangaa naannoolee lamanii walitti bu’iinsaaf sababa ta’e raayyaan ittisa biyyaa ni eega jechun weerara liyyuu Pooliisii naannoo Sumaaleetiif haala mijeessa akka jiran himameera
Godina Harargee Lixaa aanaa Mi’eessootti, milishoonni fi pooliisiin Oromiyaa daangaa irraa waan kaafamaniif Liyyu Pooliisiin naannoo Sumaalee ittisa tokko malee weerarun dubartii tokko wayita ajjeessu kan bira takka immoo madeessuun gabaafameera