Minsitirri Muummee Obbo Hayilamariyaam Dassalaany Miseensoota mana Marii bakka Bu’oota Ummataa wajjiin akka mari’atan himameera.

Minseensoonni mana marii naannoo Oromiyaa fi Amaaraatti filataman haala yeroo biyyaa irratti ministirri muummee Hayilamariyaam Dassalaany mana marii bakka bu’oota ummataatti dhiyaatanii ibsa hanga kennanitti walgahii idilee irratti akka hin hirmaanne himanii turan.
Mana marii bakka bu’oota Ummataa waggoota 26 darban olantummaan miseensoota Adda Bilisaa Baasaa ummataa Tigraay itti dagageetti, miseensoonni mana marichaa naannoolee lamaanii seenaa haaraa hojjataniiru
Miseensoonni mana marii bakka bu’oota ummataa Oromiyaa fi Amaaraa ministirri muummee Hayilamariyaam gaaffii isaaniif deebii hanga kennanitti walgahii idilee irratti hin hirmaannu jechun murteessaniiru
Obboo Hayilamariyaam Dassalaanyiis gaaffii miseensoota mana marichaa Naannoo Oromiyaa fi Amaaraatiin dirqisifamuun mana marichaa dhiyaatanii deebii akka kennan himameera
Obbo Hayilamariyaam walgahii koree hojii raawwachistuu paartii isaanii dhiisun miseensoota mana marii bakka bu’oota ummataa balbala cufatanii marsiisa akka turan dhaga’ameera.
Marii saa’aatii sadiif itti fufe kun dhimmoota irratti mari’atee fi yaada waliigalaa irra gahame ilaalchise wajjiirri ministiira muummee, Dhimmoota komunikeshinii mootummaa fi Miseensoonni mana marichaa waan jedhan hin jiru
Minsitirri muummee miseensoota mana marii ummata biyyaatti bakka buune jedhan balbala cufatanii marsiisuun, ummanni isaan filate odeeffannoo akka hin argane dhoksuuf yaadameetti jechun komii kaaseera
Marii kana ilaalchisuun yaaliin miseensoota paarlaamaa muraasa irra odeeffannoo argachuuf taasifdame akka hin milkoofne ‘Addis Standard’ gabaaseera
Kun yemmuu Kanaan jiruu//
Manni Murtii Olaanaa Federaalaa Ministirri Muummee Obbo Hayilamariyaam Dassalaany fi Qondaltoonni mootummaa naannoo Oromiyaa olaanoon himatamtoota galmee Obbo Gurmeessaa Ayyaanoo jalatti himatamaniif ragaa ittisaa akka dhiyaatan ajaje ture
Obbo Hayilamariyaam Dassalaany mana murtichaatti dhiyaatan himatamtoota siyaasa Oromoo arfaniif ragaa ittisaa akka bahan manni murtichaa ajaje ture
Ministirri Muummee Hayilamariyaam Dassalaany himatamtoota Siyaasa Oromoo galmee Obbo Gurmeessaa Ayyaannoo jalattii himatamaniif muddee 17 bara 2010 mana murtiitti dhiyaatanii ragaa ittisaa bahu hin dandeenye
Obbo Hayilamariyaam Dassalaany hanqina yeroo wajjiin walqabatee mana murtichaatti dhiyaachu akka hin dandeenye wajjiirri ministiira muummee xalayaan beeksiseera.
Abukatooni himatamtoota obbo Amahaa Makonnoon deebiin wajjiira Ministira muummee kenne obbo Hayilamariyaam Dassalaany dhiyaatanii ragaa bahuu hin danda’aan yookan hanqina yeroo wajjiin walqabatee dhiyaachu hin dandeenye jechu qaba jechun mormaniiru
Deebiin kennamu dhiyaatanii ragaa bahuu hin danda’an kan jedhu yoo ta’e sirri waan hin taaneef yeroo isaaniif mijaatu waamamanii ragaa akka bahaniif haalli mijaachuuf qaba edhaniiru.
Obbo Hayilamariyaam Dassalaany ragaa ittisaaf kan waamaman akka nama dhuunfaa tokkotti waan ta’eef Wajjiirri ministiira muummee deebii kennu akka hin qabne Obbo Baqqalaa Garbaa dubbataniiru
Deebiin kenname Obbo Hayilamariyaam Dassalaany mana murtichaatti dhiyaatanii ragaa bahuu hin danda’an kan jedhu yoo ta’es, Pooliisiin dirqisifamanii dhiyaatanii ragaa akka bahan Obbo Baqqalaan gaafataniiru .
Xalayaa obbo Hayilamariyaam Dassalaanyiif ergamu kamu kan fuudhu wajjiira Ministiira muummee waan ta’eef deebii laachuun sirrii akka ta’e abbaan alangaa himun gaffiin ragaan bahuu ministirichaa akka bira darbamu gaafateera.
Abukatoon himatamtoota Obbo Amahaa Makonnoon gamasantiin,Obbo Hayilamariyaam Dassalaany mana murtiitti dhiyaatanii ragaa akka bahan duruma kan murteeffame waan ta’eef gaaffiin abbaan alangaa dhiyeesse fudhatama hin qabu jedhan
Himatamtoota Siyaasa oromoo Arfan galmee obboo Gurmeessaa Ayyaanoo jalatti himatamaniif ministiira muummee dabalatee, Pirezedantin naannoo Oromiyaa Obbo Lammaa Magarsaa , Hogganaan wajjiira giddugalaa Dhaabaa Doktor Abiy Ahimaad,Obbo Abbaduulaa Gammadaa fi Aadee Caaltuu Saanii ni argamu.
Qobndaltoonni mootummaa naannoo Oromiyaa olaanoon guyyoota beellama laman hafanitti mana murtichaatti dhiyaachun ragaa ni bahu jedhame eegama.
Oduu biraan immoo,Obbo Baqqalaa Garbaa baay’ee dhukkubsatanii waldhaansa argachu akka hin dandeenye himameera.
Badii tokko malee mana hidhaa Qilinxootti hidhamanii dararamaa kan jiran obbo Baqqalaa Garbaa tibbaana dhiibbaan dhiiga isaanii waan dabaleef dhukkubsachaa akka jiran himameera
Obboo Baqqalaan Hospitaala deemaanii akka hin waldhaanamne bulchiinsi mana hidhaa Qilinxoo akka dhoorke beekameera.