Lammiileen Itoophiyaa duula miidiyaa haawasaan hidhamtoota Siyaasa yaadachuuf gaggeeffame irratti hirmaatan.

Lammiilee Itoophiyaa badii tokko malee ilaalcha siyaasa qofaf manneen hidhaa waayyaannee keessatti dararamaa jiranii fi ajjeeffaman yaadachun duulli miidiyaa haawasaan gaafa roobii gaggeeffameera.
Kaayyoon duula kanas hidhamtoota siyaasan dararamaa jiran, sababa qorannoo jedhun ajjeeffaman , asi buuteen isaanii hin beekamne fi qaamni isaanii hir’ate yaadachun hawaasa addunyaatti beeksiisuuf akka ta’e qopheesittoonni beeksisaniiru
Duula miidiyaa hawaasaa Feesbuukii fi Tiwutaariin gaggeeffame kanarratti dhalatoonni Itoophiyaa biyyaa keessaa fi alaa baay’een hirmataniiru
Suraa fi miidha hidhamtoota siyaasa manneen hidhaa waayyaannee keessatti dararamaa jiraniirra gahaa jiru akkasumas haala sukkaneessan ajjeeffamanii maxxansuun fi bareessuun dhimmi isaanii xiyyeeffannoo akka argatu taasifameera
Dargaggoonni, shamarraan , daladaltoonni, Qonnan bultoonni, Artistoonni, Gaazexxestoonni, barattoonni, Barsisoonni fi Hayyoonni waligalatti kutaaleen hawaasa sadarkaa adda addaarra jiran hundi manneen hidhaa waayyaannee keessatti dararamaa jiru
Doktoor Maraaraa Guddinaa, Obbo Baqqalaa Garbaa, obbo Andargaachoo Tsiggee, obboo Okeeloo Akowaay, dubree Nigist yirgaa, Artist Seenaa Salamoon, Gaazexxeessa Iskindiira Naggaa,Birgadeer Jeneraal Tafarraa Maammoo dabalatee hidhamtoonni Siyaasa dhibba heddu manneen hidhaa waayyaannee keessatti dararamaa jiru.
Mootummaan waayyaannee waggoota 27 darban dhalattoota Oromoo gocha saamichaa , olantummaa waayyaannee mormanii fi mirga ummata Oromoo gaafatan maqaa ABO jedhun hidhee dararaa jira.
Tikoonni waayyaannees shira boombii dhoosuu fi kan biraa qindeessuun dhalattoota oromoo himachuun adabbii hidhaa umirii guutuu fi du’aa itti murteessisuun badii seenaan hin daganee ummata Oromoo irratti raawwacha jiru
Dhalattoota biyyaatti Oromoo hin taanee fi adeemsa waayyaannee hin deeggare immoo sababa ginboot sabaat fi heera mootummaa humnaan diiguu jedhun manneen hidhaatti dararuun cimee itti fufeera.
Duula kananiis hidhamtoonni Siyaasa manneen hidhaa keessatti maqaa qorannootiin qeensi irra buqqifame, Bishaan Saamsame qaama saalaa isaaniirratti hidhun dararaman, qaamni isaanii reebicha hamaan mada’ee yaadatamaniiru
Akkasumas hidhamtoonni siyaasa manneen hidhaa waayyaannee keessatti reebicha cimaan ajjeeffaman Injinaar Tasfahuun Camadaa, Nimoonaa Xilahuun , Mubaaraak Yimaar, Ayyaalaa Bayyaanaa, Abdataa Olaansaa , Aarmaayee Waaqee Maammoo , Mohammaad Caaannee fi kan biroo yaadatamaniiru.
Duula hidhamtoota Siyaasa yaadachu kana gaazexxestoota biyyaa keessa jirani fi namoota kabajamu mirgaa namoomaaf falamanittu qopheesse.