Hidhamtoota Siyaasa yaadachuf miidiyaa hawaasan duulli akka jalqabamu himame.

Itoophiyaatti hidhamtoota siyaasa manneen hidhaa waayyaannee keessatti dararama jiran yaadachuf miidiyaa hawaasaan duulli akka jalqabamu himameera
Haaluma kanan, hidhamtoota siyaasa manneen hidhaa keessatti bifa adda addaan dararamaan yaadachun darara hidhamtootarra gahuu hawaasa addunyaa biraatti beeksisuuf karoorfameera
Reebichaa fi dararri hidhamtoota siyaasarra gaha jiru yeroo gara yerootti dabalaa dhufaa akka jiru gabaafameera
Lammiileen Itoophiyaa ilaalcha siyaasa itti amanan hordofuun yaada isaanii bilisaan waan ibsataniif manneen hidhaa keessatti dararama jiru
Hidhamtoonni Siyaasa kunniin manneen hidhaa waayyaannee keessatti kan dararamanii fi aarsaa gudda kaffalaa kan jiran ummataa isaaniif waan ta’eef, ummata biraatti akka yaadataman gochun barbaachiisaadha jedhameera
Kaayyoon duula kana hidhamtoonni Siyaasa akka gadhiifaman gaafachu, manneen hidhaa keessatti dararamun akka dhaabbatu akkasumas sagaleen ummata isaan qabsa’aaf turan akka itti fufu gochudha jedhameera
Bulchiinsi mootummaa waayyaannee sagalee ummataa ukkamsuuf hidhamtoota siyaasa kutaa dukkanaa xiqqoo ibsaa hin qabne keessatti hidhun dararu cimsee itti fufeera
Rakkoo manneen hidhaa keessatti hidhamtoota siyaasarra gaha jiru qamni hordofee beeksisu waan hin jireef miidhaa isaniirra gaha jiru ragaa wajjiin qindeessuun dhiyeessun barbaachisaa akka ta’e qopheesittoonni dubbataniiru
Duulli miidiya hawaasa hidhamtoota siyaasa Itoophiyaa keessa jiran yaadachuf qopha’ee kun muddee 18 bara 2010 akka jalqabu gabaafameera
Lammiin Itoophiyaa duula kanarratti hirmaatu waa’ee hidhamtoota siyaasa beekan bareessuu fi fakkii porofaayiilii qopha’ee fayyadamun miidha hidhamtoota siyaasarra gahu hawaasa addunyaatti beeksisuu akka qaban gaafatamaniiru
Akkasumas maatii isaanii gaafachuu fi gargaarun hidhamtoota siyaasa manneen hidhaa waayyaannee keessatti dararaman yaadachu akka qaban waamichi dhiyaateera.
Tartiiba raawwii duula kanan hidhamtoota Siyaasa kutaa dukkanaa xiqqoo keessatti hidhamanii dararama jiran, manneen hidhaa keessatti dhukkubsatanii waldhaansa akka hin argane dhoorkaman, Manneen hidhaa keessatti reebamanii ajjeeffaman, akkasumas maatii, abukatoo fi abbooti amantiin akka hin gaafatamne ittisaman yaadachun mirgi isaanii akka kabajamu gaafchu kan jedhadha.
Hidhamtoonni Siyaasa kunniin mana hidhaati akka gadhiifamaniif carraa argame hundan dhiiba gochun akka barbaachisu waamich dhiyaateera.