Lammiileen Itoophiyaa 22 kara seeraan alaan Maalaawwiii seenaan jedhaman gara biyyaatti akka deebi’an murteeffameera

Lammiileen Itoophiyaa 22 karaa seeraan alaan daangaa Maalaawwii qaxxamuruun seenaan jedhamanii to’aannoo jala oolfamaniiru
Lammiileen Itoophiyaa mana murtiitti wayita dhiyaatan yakka ittiin himataman hubachuu akka hin dandeenye himameera.
Turjumaannii yakkaa ittin himatamn afaan isaan beekaniin itti himu waan dhabameef akka gara biyyaatti deebi’an murta’uusa gabaafameera
Mootummaan Maalaawwii yaaliin Imbaasii Itoophiyaarra turjumaana argachuf taasise akka hin milkoofne himameera
Lammiilee Itoophiyaa biyyaatti keessa tursiisuuf baasii dabalataa akka barbaachiisu Abbaan Seeraa mana murtii maalaawwii sadarkaa tokkoffaa beeksisaniiru
Mootummaan Maalaawwii baqattoota Itoophiyaaf nyaata dhiyeessuuf baasii dabalataa baasuuf akka dirqamu manni murtichaa beeksiseera.
Baasii dabalataa baasuurra galmeen himatamtoota cufamee gara biyyaatti akka deebi’aan gochun filatamaa akka ta’e manni murticha murteesseera
Haaluma kana baqattoonni Itoophiyaa 22 maalaawwii gara Itoophiyaa akka deebi’aan murta’eera.
Oduu biraan immoo, Afriikaa Kibbaatti lammiileen Itoophiyaa shan balaa konkolataan akka du’an Ejensiin Afriikaa Neewus jedhamu gabaaseera
Konkolataan Lammiileen Itoophiyaa shanan keessa turan konkolaata biraa wajjiin walitti bu’uun afur battalumatti lubbuun isaanii yoo dabartu, namni tokko immo Hospitaala erga gahee booda du’uun himameera.
Lammiileen Itoophiyaa balaa konkolataan lubbuu isaanii darbe umirii waggaa 31 hanga 54 gidduu akka jiran himameera.