Godina Harargee Lixaa Aanaa Hawwii Guddinaa fi Daaroo Labuutti rakkoo Umame lubbuu namoota heddu gaalafateera.

Godina Harargee Lixaa aanaa Hawwii Guddinaa fi Daaroo Labuu naannoo Sumaalee wajjiin akka kan wal hin dangeessine himameera.
Yaa ta’u malee, dhalattooni naannoo Sumaalee baay’een waggoota hedduuf lammiilee Oromoo wajjiin nagaan jiraacha turaniiru.
Kabajaa fi wajjiin jiraachun saboota laman waggoota heddu kun muddee 5 bara 2010 liyyuu Pooliisiin naannoo Sumaalee haleella lammiilee nagaa irratti raawwateen balaaf saaxilameera
Sababa weerara liyyuu Pooliisii kana wajjiin walqabatee lammiileen Oromoo 29 akkasumas dhalattoonni Sumaalee 32 lubbuu isaanii dhabaniiru.
Aanaa Hawwii Guddinaa ganda Ibsaa fi Taa’oo jedhamanitti lammiilee Oromoo 20n wayita ajjeeffaman baay’een mada’aniiru.
Aanaa Hawwii Guddinaatti qabsoo weerara liyyuu pooliisii ofiirra ittisuu taasifame keessatti lammiin Oromoo hawaasa naanniicha birattii baay’ee jaalatamanii fi kabajaman Ahimad Xahaa wareegamuun lubbuu lammiilee Sumaalee akka darbuuf sababa ta’uun himameera.
Aanaa Daaroo Labuutti oduun wareegamuu Ahimad Xahaa wayita dhaga’amu obboleessi isaanii gadda guddaa fi dallanuun tarkaniiffi ajjeechaa lammiilee naannoo Sumaalee irratti akka fudhate ragaaleen mul’isaniiru.
Rakkoo nageenya aanaalee laman keessatti mudateen namoota ajjeeffamanii fi mada’aan malee manneen jirattoota baay’een ibidaan akka gubatan himameera.
Miseensoonni Liyyuu Pooliisii naannoo Sumaalee Aanaa Hawwii Guddinaa ganda Ibsaa fi Taa’oo jedhamanitti manneen jireenya dhalattoota oromoo 360 ol ibidan gubuu isaanii gabaafameera.
Pirezedantiin Bulchiinsa mootummaa naannoo Oromiyaa Obboo Lammaa Magarsaa Walitti bu’iinsa umameen lubbuu namoota nagaa darbuun akka isaan gaddisisee ibsa OBNf kennan himaniiru.
Dhalattoonni Oromoo Lammiilee saba kamuu naanniicha keessa jiraatan wajjiin akkuma kana dura kabajaa fi jaalalan wajjiin jiraachun tikfachuu akka qaban obboo Lammaan dhaamaniiru.
Ministirri Muummee Hayilamariyaam Dassalaany ibsa laataniin ”dhalattoonni Sumaalee Aanaa Daaroo Labuu Buufata Pooliisii ganda Gaadilloo keessatti daayeeffatanii jiraatan haala sukkaneessan ajjeefaman” jedhan
Walitti bu’iinsa biyyaatti keessatti mudateen keessattuu daangaa naannoo Oromiyaa fiSumaalee wajjiin walqabatee rakkoon nageenya fi tasgabbii biyyaatti boreessa akka jiru Ministirichi ibsa kennan kanan beeksissaniiru.
Sababa walitti bu’iinsa kanan lubbuun namaa darbu, namoonni baay’een mada’uusaanii ,uummanni qe’ee fi qabeenyasarra buqqa’uu, qabeenyi barbada’uun akka isaan gaddisisee obboo Hayilamariyaam dubbataniiru
Obboo Hayilamariyaam gocha aanaalee Daroo Labuu fi Hawwiii Guddinaatti lubbu namoota hedduu gaalafate kana balaleeffachuuf ibsa kennan ajjeecha jirattoota Calanqoo 20 irratti raawwatame rakko nagaa kabachiisu keessatti mudate jedhaniiru.
Ministirri Muummee Hayilamariyaam Namoonni aanaa Daroo Labuu ganda Gaadillootti ajjeeffamn Buufata Poolisii Keessa kan turan jedhan.
Obbo Hayilamriyaam ibsa hoggantoota waayyaanneen bareeffamee itti kenname dubbisan kanan, Pooliisoot Oromiyaa maqaa xureessuuf lammilee naannoo Sumaalee buufata pooliisii keessa turanitu ajjeeffaman jechun odeeffannoo dogongora dhiyeessaniiru .
Namoonni aanaa Daroo Labuutti lubbuun isaanii darbee buufata Araddaa kan turan ta’u Hogganaan Wajjiira dhimmoota Komunikeshiinii Godina Harargee Lixaa obboo Abdurazaaq Raadiyoo Amerikaa Sagantaa Afaan Oromootti himaniiru.
Ajjeechaan kan raawwatame nama dhuunfaa obboleessi isaa Liyyuu Pooliisii naannoo Sumaaleen aanaa Hawwi Guddinaa Ardaa Ibsaatti jala ajjeeffamen jedhaniiru
Oduu biraan immoo, raayyaa ittisaa biyyaa dhimma nageenya biyyaatti kabachiisuuf gara naannoo Oromiyaatti bobba’uu akka qabu Abbooti Amantii gaafachuf qophiirra jiru jedhame
Raayyaan Ittisa biyyaa gaaffii mootummaa naannoo Oromiyaa malee gara godinaalee Oromiyaa adda addaatti akka bobba’u abbootiin Amantii waamicha akka dabarsan ajajamusaanii maddeen oduu gabaasaniiru.
Gaaffii Ministeera Dhimmoota Federaalaa fi Horsiisee Bultootan dhiyaate irratti hunda’uun Abbootiin Amantii guyyoota muraasa keessatti ibsa ni kennu jedhameera.