Fiigichi Lammiilee buqqa’aniif Galii walitti qabuuf mata duree ”Lammii Koof naan fiiga” jedhun magaala Finfinneetti qopheessuuf karoorfame yeroo biratti darbeera.

Waldaan Atleetoota Oromiyaa lammiilee Oromoo naannoo Sumaaleett buqqa’aaniif galii walitti qabuuf waldorgommii Fiigichaa Magaala Finfinnee fi magaaloota Godinaalee Oromiyaa filataman keessatti qopheessuuf koroofateera.
Waldaan Atiletoota Oromiyaa fiigicha mata duree ‘Lammii Koof naan fiiga’ jedhu Muddee 22 bara 2010 magaala Finfinneetti akka qopheessu beeksisa turun ni yaadatama.
Sagataan waldorgommii fiigichaa muddee 22 bara 2010 magaala finfinneetti qopheessuuf karoorfame kun sababa adda addaan yeroo biraatti darbuusa himameera.
Sagantaan waldorgommii fiigichaa lammiilee buqqa’aniif galii walitti qabuuf magaloota oromiyaa keessatti gaggeeffamu akkaatadhuma sagantaa baheen kan itti fufu ta’usa ibsa qopheesitootarra hubatameera
Sagantaa waldargommiin fiigichaa galii walitti qabuu magaala Finfinneetti muddee 22 bara 2010 qopheessuuf karoorfame kun sababa lakkofsi hirmattoota fi Inspoonsaroota sagantichaa dabalaa dhufeen akka dheerefame himameera.
Bulchiinsi magaala Finfinnee waldorgommii kanaf eyyama akka hin laane mootummaa waayyaannee dhoorkuu malaa shakkiin jedhus jira
Sagantaan waldorgomii fiigichaa lammiilee Oromoo naannoo Sumaaleeti buqqa’aniif galii walitti qabuuf qopha’ee kun magaloota Oromiyaa keessatti akkaatadhuma kana dura koroorfamen itti fufa jedhameera
Magaloota Oromiyaa sagantaa waldorgomichaaf filataman hunda keessatti haldureen barbaachiisan taasifamusa qopheesittooni saganticha beeksisaniiru.
Lammiilee Oromoo shira mootummaa waayyaanneen naannoo Sumaaleeti buqqa’niif galiin waliitti qabamu bifa adda addaan cimee itti fufeera.
Waldaan Artistoota Oromoo lammiilee buqqa’aaniif galii walitti qabuuf konsartii sirbaa galma Barkumeetti qopheesseen birrii miiliyoona 10 ol walitti qabun ni yaadatama.
Oromoonni biyyaa keessa fi alaa ogummaa fi qabeenya qabaniin obboleewwaan isaanii Oromoo waan ta’an qofafa naannoo Sumaaleeti buqqa’aniif deeggarsi gumaacha jiran tokkummaa fi jaalala gudda uumeera.