Bulchiinsi Mootummaa waayyaannee suphaa kaminuu damdamatee ka’uu akka hin dandeenye Pirezedantiin Eritiraa Isayyaas Afawarq beeksisaan

Mootummaan Adda Bilisa Baasaa Ummata Tigraay Itoophiyaa bulcha jiru amman booda suphaa kamuu yoo taasifameef sadarkaa ka’uu hin dandenyeera gahuusa Pirezedant Isayyaas himaniiru
Taankii fi meeshaalee waraanaa biroo qabatanii hanga magaala finfinnee kan deemaaniif fayeeda Ummatoota biyyoota lamaniif jecha akka ture obbo Isayyaasa yaadataniiru
Ummanni Itoophiyaa fi Eritiraa kisaara shira mootummaa waayyaanneen isaniira gahee yeroon deebisanii itti gonfatan fagoo akka hin taane Pirezedant Isayyaas Afawarq televizhiinii biyyaatitti himaniiru
Mormiin Ummata Itoophiyaa yeroo amma jiru hubachuuf shira waayyaannee kan darbe xinxaluun barbachiisa ta’u dubbataniiru.
Mootummaan Adda Bilisa Baasaa Ummata Tigraay Itoophiyaa keessatti olaantummaan turuf jecha ummata addaan qooduu fi keeyyaata 39 heera mootummaa keessatti makuun rakkoo ta’u dubbatan
Adeemsi ummata addaan qooduu fi keeyyata 39 ilaalchisun jalqabumarraa sirrii akka hin taane qondaltoota waayyaanneetti himaa akka turan obbo Isayaas himaniiiru
Akkasumas diingdeen biyyaatti olantummaa saba tokkon qabamun rakkoon kun akka babal’atuuf dhimmoota sababa ta’aan keessatti argama jedhan
Fayeeda itti fufinsaa ummata Itoophiyaa fi Ertiraaf jecha qamoolee mootummaa waayyaannee mormaan deeggaruu akka itti fufan pirezedaant Isayyaas beeksisaniiru
Gargaarsi waayyaannee hanga magaala Finfinneetti gaggeessuun gumaachaan fayeeda Ummataa lamaniif ni fayyada jedhanii yaaduun akka ture himaniiru
Oduu raayyaan ittisaa biyyaa Ijipt daangaa Eritiraa keessa qubate jedhu soba dhugaarra fagaate jedhaniiru
Oduu kana mootummaan waayyaanee rakkoo keessoo yeroo amma isa qunname dhoksuuf jecha miidiyaalee birootti fayyadamee dhadheessaa akka jiru Pirezedaant Isaayyaas Afawarq himaniiru