Ijipt biyyoota Sudaan fi Itoophiyaa wajjiin waraana akka hin barbaanne Pirezedant Abdul Fattaah Al-Siisii Beeksisan

Pirezedantiin Ijipt Abdul Fattaah Al-Siisii gaaffii fi deebii televizhiinii biyyaa isaanii wajjiin taasisaniin akka jedhanitti biyyi isaanii Sudaan fi Itoophiyaa wajjiin waraana keessa seenuu hin barbaaddu.
Ijipt biyyoota Obbolowwaan fi kamuu wajjiin wal waraanu fi dhimma keessoo biyyaa kamuu keessa akka hin seene Pirezedaant Al-Siisiin himaniiru
Ijipt biyyoota ollaa hunda wajjiin walitti dhifeenya gaarii qabdu cimistee itti fufti jedhan
Oduu biraan immo, Sudaan Loltootashee daangaa Ertiraarra kan qubachiisteef dhimma Eritiraa fi Ijipt wajjin walqabatun akka hin taane beeksifte
Sudaan loltootashe naannoo daangaarra kan qubachiifteef mormitoota meeshaa waraana hidhatan ilaalchisun akka ta’e Ministirri dhimma alaa biyyaatti beeksisan
Sudaan loltootashe Kasalaa kan qubachisteef hidhatoonni tokko tokko naanniichaatti waan mul’ataniif ta’u ministirri dhimma alaa Ibrahiim Gaanduurii himaniiru
Tarkaniiffiin Sudaan Loltootashee qubachiisu kun biyyaa kamuu wajjiin kan walqabatu osoo hin taane rakkoo nageenya keessoo biyyaa waan jiruuf akka ta’e ministirichi dubbataniiru.
Ijipti fi Ertiraa nageenya biyyaatti balaa irran gahuu akka malan ragaa mul’isu akka argame gargaaran Pirezedantii Sudaan Ibrahiim Muhammadii torban darbe beeksisuun kan yaadatamudha.