Naannoo Oromiyaatti ji’oota 6n darbani keesstti meeshaaleen koontirobaandii Birrii miiliyoona 94 oliitti tilmamammaan to’aannoo jala akka oolfaman himame

Naannoo Oromiyaatti qindomina Ummataa fi pooliisii Oromiyaattiin ji’oota jahan darban qofa meeshaalee daldala seeran alaa fi koontirobaandii Birrii miiliyoona 94 fi kuma 800 olitti tilmamammaan to’aanno jala oolfamu gabaafameera
Daldalli seeraan alaa,kontirobandii fi kiraa sassaabdummaa jeneraloonni fi kampanoon waayyaannee baay’inaan keessati hirmaatan kun diinagdee Oromiyaa fi biyyaa miidhaa akka ture himame,
Daladalli Koontiroobaandii kampanoonni fi jeneraloonni waayyaannee olantummaan to’aatan diinagdee biyyaa miidhuun walitti bu’iinsa lammiilee obboleewwaan lamaniif sababa ta’uusa gabaafameera
Kampanoonni fi Jeneraloonni waayyaannee waggoota 26 darban daladala Kontiroobaandii irratti bobba’uun karaa seeraan ala qabeenya kuufacha turaniiru
Qeerroon fi pooliisii Oromiyaa qindomiina uumuun daandii fi tooftaa daldala Kontironbaadii waayyaannee wayita cufan shira xaxameen Ummataa Oromoo fi Sumaalee sababa daangaa uumuun walitti buusuun kan yaadatamudha.
Qindomiina Qeerroo fi Pooliisii Oromiyaan taasisaniin bunni seeraan alaa geejibsiifamaa ture kumtaalli 6,842 Birrii miiliyoona 47.7 baasu to’aanno jala oolfamuusa Komishiniin Pooliisii Oromiyaa beeksiseera.
Akkasumas Shukkaarri kuntaalli 5,067 Birrii miiliyoona 12.2 baasuu fi Zayitni nyaataa liitiroo 171,0173 Birrii miiliyoona 11.5 ol baasu ji’oota jahan darban to’aanno jala ooluusaa Komishiiniichi himeera
Kana malees,cilee fi xaawulaan seeraan alaa fi eeyyama hin qabne Birrii miiliyoona 4.050 olitti tilmaamamu, meeshaaleen elektirooniiksii fi uffanni garaagaraa Birrii miiliyoona 21. 4 ol baasus to’aanno jala oolfameera.
To’annaa koontiroobaandii ji’oota jahan darban taasifameen Doolaari seeran alaan kuma 500 fi kuma 53 qabameen alatti, meeshaalee konirobaandii qabamaniirra birriin miiliyoonni 94 fi kuma 800 fi kuma 67 ol mootummaf galii ta’u Komishiniin Pooliisii oromiyaa beeksiseeea
Namoonni daladala kontirbaandii fi sharafa alaa karaa seeraan alaa daddabarsuun hirmaatan 352 hirmaatanii adabbiin kan itti murta’eef fi dhimmi isaanii himannaarra kan jiru ta’uun beekameera
Qindomiinni Ummanni fi Komiishiniin Poolisii Oromiyaa daandii fi toofta jeneraloonni fi kampanoonni waayyaannee daldala seeraan alaa naannichaa keessatti gaggeessan itti cufuu cimee akka itti fufa jedhameera
Qeerroon Oromiyaa meeshaalee kontiroobaandii wayita argan ofiif to’aachuun balaaf waan isaan saaxilu danda’uuf hatattamaan Pooliisii Oromiyaaf eeru akka qaban himameera
Jeneraloonni waayyaannee daldala kontirobaandii adda addaa daangaa biyyaa qaxxamuruu fi jimaa gara alaatti ergu irratti bobba’uun qabeenya biyyaa saamaa akka jiran gabaafama tureera.
Miseensoonni Agaazii immoo aangoo gadi-aanaarra jiran Konkolattoota Raayyaa Ittisa Biyyaatti fayyadamun Shukkaraa fi Zayitii Nyaataa akkasumas Cilee seeraan alaa wayita daldalan magaala Bishooftuu, Jimmaa fi kan biroo keessatti harkaaf harkaatti to’aanno jala oolfamuun isaanii ni yaadatama.