Mootummaan Itoophiyaa Himaannaa himatamtoota Siyaasa 528 addaan citee akka gadhiifaman beeksise

Abbaan Alangaa Waliigalaa Federaalaa hidhamtoota Siyaasa 528 himnnaan isaanii addaan citee akka gadhiifaman beeksise
Abbaan Alangaa Waliigalaa Federaalaa obbo Geetaachoo Ambaayee ibsa gaazexxestoota biyyaa keessaaf gaafa wixaata kennan ulaagaan hidhamtoonni siyaasa ittin gadhiifaman himaniiru
Hidhamtoonni siyaasa yakka heera mootummaa humnaan diiguu keessatti hirmaatan akka gadi hin dhiifamne obbo Geetaachoon dubbatan
Hidhamtoonni siyaasa bu’uralee misoomaa gurguddoo irratti miidhaa geesisuuf yaalaan , yakka nama ajjeessuun kan hin himatamin fi sirna mootummaa irra fayyadamaa osoo jiran dhiibaa qama biraan jeequmsaa keessatti hirmaatan akka gadi hin dhiifamne beeksisaniiru
Ulaagaa kanan, hidhamtoonni siyaasa gadhiifamu jedhaman ummanni hawwii guddaan eegu murasni gadidhiifamun isaanii shakki uumeera
Hidhamtoonni yakka heera mootummaa humnaan diiguu fi mootummaa fonqolchuuf yaalaan jedhamanii himatamanii mana hidha jiran Jeneeral Tafarraa Maammoo , Jeneraal Asamineew Tsiggee fi kan biroo akka jiran kan yaadatamudha.
Obbo Andargaachoo Tsiggees yakka walfakkatuun himatamanii murtii du’aa akka itti murta’ee ni beekama.
Himatamtoonni Siyaasa yakka farra shororkeessummaa himataman ulaagaa kan guutaan yoo ta’e ji’oota lama keessatti qulqulleeffamee dhiifamaan akka gadhiifaman obbo Geetaachoon himaniiru.
Hidhamtoonni Siyaasa marsaa jalqaban gadhiifaman 528 leenjii haaromsa fudhachun gadhiifamu jedhan
Hidhamtoota Siyaasa himaannaan isaanii addaan citee gadhiifamu jedhaman keessa Dura taa’aan Kongirasii Federaliistii Oromoo fi Hayyuun Siyaasa Doktor Maraaraa Guddinaa keessatti akka argaman miidiyaan waayyaannee Faanaan gaafa wixaata gabaase ture
Ministirri Dhimmoota Komunikeshiinii Mootummaa Dr Nagaarii Leencoo ibsa gaafa kibxataa kennan immo, Doktor Maraaraa Guddinaa dhimmi isaanii ji’oota lamaan dhufaan keessatti qulqulla’ee akka gadhiifaman himusaanii miidiyaan waayyaannee biroo waaltaan gabaaseera.
Hidhamtoota Siyaasa himaannaan isaanii addaan citee gadhiifama 528 keessa 413 naannoo Ummattoota kibbaa Godina Geediyoo fi Koonsoo qabamanii kan hidhaman yoo ta’u, 115 immo manneen hidhaa mootummaa Federaalaa keessatti argamu.
Bulchiinsi Mootummaa naannoo Oromiyaasa hidhamtoota Siyaasaa mormii ummtaa wajjiin walqabatee hidhaman hunda akka gadhiisu Abbaan Adeemsa Dhimmoota Komunukeshinii Biiroo Haqa Oromiyaa obbo Taayyee Danda’aa toora feesbookii isaanii irratti ibsaniiru.