Manni Murtii olaanoo Federaalaa Hoggantoota Kongirasii Federaliistii Oromoo Arfan sababa Dhaddacha Jeeqxan jedhun hidhaa Ji’a Jahaa Itti Murteessee.

Manni Murtii Sobaa Waayyaannee Hoggantoota Olaanoo Kongirasii Federaliistii Oromoo Obbo Baqqalaa Garbaa,Obbo Dajanee Xaafaa,Obbo Addisuu Bullaallaa fi Obbo Gurmeessaa Ayyaanoo sababa dhaddacha jeeqxan jedhuun adabbii hidhaa ji’a jahaa itti murteessee
Himatamtoonni Siyaasaa Oromoo arfan murtii hoggantoonni mootummaa olaanoo ragaa ittisaaf lakkawaman dhiyaatanii ragaa bahuu hin qaban jechun murtii kenname waan mormaniif dhaddacha jeeqan jedhamanii hidhaan ji’a jahaa kan itti murteeffame.
Qondaltoonni mootummaa olaanoon ”dhimma bu’aa qabuu fi bu’aa hin qabneef ragaa ittisaan mana murtiitti dhiyaachun hin qaban” jechun manni murtichaa gaaffii qondaltoonni mootummaa ragaa ittisaan akka dhiyaataniif gaafatame kan dideef
Itti-aanaa dura taa’aan kongirasii Federaliistii Oromoo obbo Baqqalaa Garbaa murtii kana booda yaada kenniin ”jechi gadi bu’aan dhimma bu’aa qabuu fi bu’aa hin qabne jettan fayyadamtan kan isinirra hin eegamne” jedhaniiru
Himatamaan Siyaasa biroo Obbo Dajanee Xaafaa gamasantiin, ‘Abbaan Alangaa hoggantoota waame nurratti raggasiseera, nutiis ragaa ittisaan yoo waamanu ragaa bahuu hin qaban jechun sirrii miti ‘ jechun dhaddachaa sobaa waayyaannee kanatti himaniiru
Himatamtoonni Siyaasa Oromoo yaada kenniin “Manni Murtii kun dhiiga, dhiiga ciinca’a. Waggaa 26 guutu ummata Oromoo ajjeestanii jirtu,Waggaa 26 guutu dhiiga Ummataa Itoophiyaa bukofatanii jirtu, Duuti nurratti dhaabbachuu qaba”jechun dhadacha waayyaannee sobaa kanatti himaniiru
Hoggantoonni Kongirasii Federaliistii Oromoo arfan adabbiin murtii kun wayita dubbifamu hin dhaggeeffanu akka jedhan namoonni dhaddachaa sobaa waayyaannee kana hordofan dubbataniiru.
Himatamtoonni biroo yakka Ginboot sabbattiin galmee obbo Ballaxaa fa’a jalatti himatamn sadii biroos mana murticha jeeqxan jedhamanii adabbiin hidhaa ji’a sadii itti murta’eera.
Himatamtoonni kunniin obbo Baqqalaa Garbaafaa irratti adabbiin hidha ji’a jaha wayita murta’uu mormuun waan harka walitti rukutaniif dhaddacha jeeqxan jedhaman akka ta’e gabaafameera
Himatamtoota sadeen ginboot Sabbattiin himataman gaaffii abbootiin murtii maaliif harka walitti rukutan jedhanii gaafataniif deebii obboleewwaan keenya waan ta’aniif jedhu kennaniiru
Hoggantoota olaanoo Kongirasi Federaliistii Oromoo arfanii fi himatamtoota Ginboot Sabaat sadeen dhaddacha jeeqaan jedhaman irratti adabbii hidhaa kan murteesse abbaa murtii Zara’aay Waldasanbaat akka ta’e himameera.
Hoggantoonni mootummaa olaanoo mana murtiitti dhiyaatanii ragaa ittisaa akka bahan kana dura murteeffamee ture
Ministirri muummee obbo Hayilamariyaam Dassalaany sababa hojiin mana murtiitti dhiyaatan ragaa bahuu hin danda’aan jechun wajjiirri isaanii xalaya bareessuun kan yaadatamudha
Akkasumas Pirezedantii bulchiinsa mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Lammaa Magarsaa dabalatee qondaltoonni biroo naanniicha guyyaan mana murtichaatti dhiyaatanii ragaa itti bahaan akka jijjiiramuuf gaafachun wajjiirri giddugalaa Dh. D.U.O xalayaan gaafatee tura.