Obbo Addisuu Laggasaa shira dhimma Qimaant ilaalchisuun ummata addaan qoodu jalqaban cimsanii akka itti fufan himame.

Obbo Addisuu laggasaa gara magaala Gondar imalun namoota Koree Qomaant ofin jedhanii fi ergama waayyaannee raawwachuuf hundeeffaman wajjiin Amajjii 2 bara 2010 akka mari’atan himame
Miseensoonni Koree Qimaant kunniin haala qoodinsa qabeenya paartii Warraqsa Dimokirasumma Sabaa Amaaraa fi wadhakaan gandoota magaala Ayikaal kan Amaaraatti yaada jedhu akka morman obbo Addisuutti himaniiru
Paartii Warraqsa Dimokirasumma Sabaa Amaaraa naannicha bulcha jiru diina keenya waan ta’eef hoggansa nuuf muuduu hin qabu gaaffi jedhu miseensoonni korichaa marii kanarratti dhiyaassanii akka ture himameera
Obbo Addisuu Laggasaa gaaffii ergamoota waayyaannee kana fudhachun dhimmicha raawwachisuuf ummata wayita marsiisaan miseensoota paartichaa dabalatee komii guddaan akka isaan qunname beekameera
Walgahii obbo Addisuun hogganaan kanarratti hirmattoonni gandoota 11 keessa filatamanii hirmaacha turan waltajjii dhiisuun akka bahan himameera
Walgahiicharratt obbo Addisuu Laggasaa, Obbo Mulee Taraqaany, obbo Gadduu Andargaachoo, obbo Alamnaaw Mokonnoon fi hoggantoonni olaanoon wajjiira tikaa waayyaannee hirmaataniiru
Tokkummaa, waldeeggaruu fi jaaalalli ummta Itoophiyaa yeroo amma cimaa waan dhufuun ergamtoota shira waayyannee hojiirra oolchuun olii fi gadi fiigan baay’ee rifachiisa jira