Manni Murtii Olaanoo Federaalaa Hidhamtoota Siyaasaa irratti Adabbii Hidhaa waggaa 15 hanga 18 Murteesse

Manni Murtii Sobaa waayyaannee hidhamtoota siyaasa 33 irratti adabbii hidhaa waggaa 15 hanga 18 itti murteesseera
Mana murtii olaanoo Federaalaatti dhaddachi yakkaa 19ffaan namoota galmee obbo Miiftaah Shee Siruur jalatti Ginboot Sabaattiin himataman 33 irratti murtii adabbii hidhaa kana gaafa kamisaa murteesseera
Namoonni kunniin ilaalcha siyaasa qabaniin qofa yakka shororkeessummaan himataman kan itti murta’ee ta’u himameera.
Himatamtoonni biroo galmee kana jalatti himataman ofirra ittisna jedhan waan mormaniif ragaa ittisaa akka dhiyeeffataniif manni murtichaa beellameera
Bulchiinsi mootummaa waayyaannee waltajjii siyaasa gaarii uumuuf jecha hidhamtoonni siyaasa itti murta’ee fi abbaan alangaa himaate dhimmi isaanii mana murtiin ilaalama jiru akka gadhiifaman beeksisuun ni yaadatama
Mootummaan waayyaannee hidhamtoota siyaasa gadhiisuuf tobee tokkoon dura ummataaf waada galuus hanga amma hidhamtoonni siyaasa gadhiifaman hin jiran
Oduu biraan immoo, Abbaan Alangaa federaalaa himatamtoota galmee Masirashaa Saxxee jalattii himataman irratti ragaalee 28 hafan dhiyeeffachuuf guyyaa beellama biraa yeroo arfaffaan gaafatuus hin milkoofneef
Manni murtii olaanoo Federaalaatti dhaddachi yakkaa 19ffaan gaaffii guyyaa beellama dabalataa abbaan alangaa dhiyeesse kana dideera
Abbaan Alangaa federaalaa kana duraas yeroo sadiif guyyaan dabalataa ragaalee itti dhiyeeffatu mana murtichaa gaafachuun eyyamamaaf akka ture kan yaadatamudha.

Oduu biraatiin Naannoo Ummattoota Kibbaa Godina Sidaamaa magaala Yirgalamiitti Pooliisiin hidhamtoota seeraa afur muddee 30 bara 2010 rasaasan akka ajjeesse gabaafameera
Hidhamtoonni seeraa murtii adabbii hidhaa itti murta’ee xummuranii mana hidhaatti hiikamuuf wayita gaafatn deebiin kennamuuf rasaasa akka ta’e hogganaan paartii Waarraqsa Sidaamaa Doktor Miiliyoon Toomaatoo dubbataniiru
Hidhamtoonni kunniin akkaata mirgi seeraan isaanii kennameen akka gadhiifaman gaafataniis bulchinsi mana hidhaa deebii gaha kennuuf akka hin dandeenye beeksisan
Wixaata darbe mana hidhaa yirgalaam keessa sagaleen rasaasa dhaga’amaa akka ture maddeen oduu ESATtti himaniiru.
Sagalee rasaasa kana booda hidhamtoonni seeraa afur ajjeeffamanii akka argaman maddeen kun beeksisaniiru
Bulchhinsi mana hidhichaa garu hidhamtoonni seeraa miliquf wayita yaalan akka ajjeeffaman himeera.
Paartiin Waarraqsi Sidaamaa gamasatiin, hidhamtoonni seeraa kunniin cubbuudhan kan ajjeeffaman ta’u beeksiseera
Ajjeechaan hidhamtoota seeraa irratti raawwatame kun ummata dallamnsisuu danda’a jechun qondaltoonni naannichaa dhoksuuf yaala akka jiran gabaafameera
Dargaggoonni gaaffii mirgaa Ummata Sidaamaa gaafatn hundi dimishaashaan qabamanii hidhamaa akka jiran paartiin Waarraqsa Sidaamaa beeksiseera
Keessattu dargaggoonni dhaabbilee barnoota olaanoo eebbiffaman jeequmsa kakasuuf yaala jirtu jedhamanii dimishaashaan akka hidhaman waarraqsichi himeera.
Dargaggoonni wandoo, Malgee, Boonaa, Bansaa fi aanaa Arbigoonaa digirii fi sadarkaa barnoota biroon eebbifamanii hojii dhabanii ta’an jeequmsa kakasuuf yaada jiru jedhamanii dhiyeenya akka hidhaman doktor Miiliyoon ESAT tti himaniiru
Kabaja hundeeffama waggaa 25ffaa paartii ummattoota kibbaa bulchaa jiru jeequ malu sababa jedhun magaala Hawaasaati qofa dargaggoonni fi namoonni daandiirra jiraatan 500 ol bakka hin beekamneetti hidhamuu isaanii dubbataniiru
Oduu biraan immo, shira mootummaan xaxxeen daangaa godina sidaamaa fi Waalaayitaatti walitti bu’iinsi uumamaa waan jiruuf ummanni of-eegganoo gochu akka qabu dhaamaniiru
Gaaffiin daangaa jaarsoolii biyyaan furmaata kan argatee ta’us, qondaltoonni mootummaa saboota laman walitti buusuuf akka sababatti itti fayyadamaa akka jiran waarraqsichi beeksiseera.
Bulchiinsichi umirii aangoo isaa dheereffachuf saboota Sidaamaa fi Waalaayittaa obbolaa laman walitti buusaa waan jiru ummanni shira kana faashaleessu akka qabu paartiin Waarraqsa sidaamaa waamicha dhiyeesseera.