Lammiileen Itoophiyaa biyyoota alaa Jiraatan sharafa alaa gara biyyaa akka hin ergine ugguruun mootummaa waayyaannee akka rifachiise Gurmuu Lammiilee Itoophiyaa Idila Addunyaa beeksise

Lammiileen Itoophiyaa biyyoota alaa jiraatan sharafa Alaa gara biyyaatti akka hin ergine ugguruuf Gurmuu Lammiilee Itoophiyaa Idila Addunyaarra waamicha dhiyeessuun kan yaadatamudha
Kaayyoon duula uggura sharafa alaa kun humna mootmmaa abbaa irree waayyaannee dadhabsisuun umiriisaa gabaabsun darara ummatarra gahu hambisuu akka ta’e himameera
Lammiileen Itoophiyaa maatii isaanii gargaaruuf, ijaarsaa fi daldalaaf maallaqa gara biyyaa erguu yeroof akka dhaaban Gurmuu Lammiilee Itoophiyaa Idila Addunyaarra waamicha dhiyeessa tureera
Akka Gurmuu kun jedhutti, ,maallaqni lammiileen biyyaa alaa jiran gara biyyaatti ergan karaa adda addaa mootummaan waayyaannee sagalee ummataa ukkamsuuf itti fayyadama jira.
Bulchiinsi mootummaa waayyaannee dhimmicha ilaalchisun yaada kenneen, sharafni alaa gara biyyaa ergamu qalamaa fi dabtara bitachuuf qofa gargaara jedheera
Dubbi himaan ministeera dhimma alaan kaayyoo ugguraa kana xiqqeessuuf yaaluus, duulli kun baay’ee akka isa dallansiise kan mul’isu ta’u,Gurmuu Lammiilee Itoophiyaa Idila Addunyaarraibsa baaseen beeksiseera.
Bulchiinsi mootummaa waayyaannee uggura sharafa alaa ilaalchisuun ifatti ibsa kennun dhimmichi akka isa rifachiise kan mul’isu ta’usa ibsa gurmuun kun baaseerra hubatameera.
Lammiileen Itoophiyaa biyyoota alaa jiraatan humna fi tokkumma isaanii cimsuun duula uggura sharafni alaa gara biyyatti akka hin ergamne labsame kana akka itti fufan Gurmuu Lammiilee Itoophiyaa Idila Addunyaarra