Baankiin Misooma Itoophiyaa liqii Invastaroota damee Qonnaa babal’aa rooban misoomu irratti bobba’aniif kennu akka dhaabe himame.

Baankiin Misooma Itoophiyaa Abbooti qabeenya damee Invastimanti qonna bobba’aan jajjabeesuuf birrii biiliyoona heddu liqiin kennaa tureera.
Baankiichi abbootii qabeenya invastimantii damee qonnaa babal’aa naannoo Gamabeellaatti misoomsan jajjabeessuuf birrii biiliyoona shanii ol liqiin kennuusa beekameera
Baankiichi rakkoolee Invastimantii qonnaa naannoo Gambeellaa keessatti mudate wajjiin walqabatee bara 2008 irra jalqabee maallaqa liqiin kennu dhaabuuf dirqameera
Naanniichaatti abbootii qabeenyaa invastimantii qonnaa irratti bobba’aniif lafa namni tokko misoomsuuf fudhate kan biraaf kennun baankiicha kisaaraaf saaxileera
Abbootiin qabeenyaa lafti qonnaa tokkoof kenname kan biraafis kennama waan tureef lafa kana qabsisuun baankii misooma Itoophiyaarra birrii miiliyoonaa heddu liqeeffachuun kisaaraa guddaaf akka saaxilamu gumaachaniiru.
Wajjiirri ministiira muummee koree rakkoolee Invastimantini qonna naannoo Gambeellaa mudate qoratee yaada furmaata dhiyeessu hundeessuun ni yaadatama.
Yaada furmaata koricha irratti hunda’uun baankiichi qajeelfama haaraa karaa abbootiin qabeenya Invastimantii qonnaa roobaan misoomu irratti bobba’an gaaffii liqii ittin dhiyeeffatan qpheessuun hojii jalqabee ture.
Qajeelfamni haaraa qopha’e kan bu’aa yaadame fiduu waan hin dandeenyeef baankiichi guutumaatti gaaffii liqii piroojaktoota qonnaa haaraa roobaan misoomanii keessummeessuu dhaabuusaa miidiyaaleen mootummaa gabaasaniiru
Baankichi rakkooleen liqiin invastimantii qonnaa Naannoo Gambeellaaf furmaata argachu waan qabaniif liqii kennuu akka dhaabe Daayirektarri Jijjiirama Tarsiimoo fi Koominikeeshinii Obbo Kiflee Haayilayyasuus
Piroojaktoota qonnaa babal’aa roobaan misooman 472 keessaa sadarkaa gaariirra kan jiran 158 qofa akka ta’an obbo Kifleen dubbataniiru.
Pirojektoonni qonna babal’aa 314 sadarkaa raawwii gadi-aanaarra kan jiran yoo ta’u, pirojektoonni 68 guutumaan gutuutti hojii dhiisuu isaanii obbo kifleen himan.
Baankiin misooma Itoophiyaa piroojaktoota qonnaa babal’aa deeggaruuf hanga ammaatti birrii biliyoona 5 fi miiliyoona dhibba jaha akka liqeessee himaniiru.
Birrii abbootii qabeenya damee Invastimantii qonnaa babal’aa irratti bobba’aniif liqeesse kana keessa birrii biiliyoona sadii fi miiliyoonni dhibba jaha fi kumni 300 qisaasamusa yookan immoo sadarkaa deebisisuuf rakkisaa ta’eera gahuusa dubbataniiru.
Baankichi birrii liqii damee Invastimantii qonnaa babal’aa naannoo gambeellaa keessatti misoomuuf liqeesse keessa dhibbeentan 64 qisaasamun hojii yaadameerra akka hin oolle beeksisaniiru
Abbootiin qabeenya invastimantii qonnaa babal’aa irratti bobba’uuf naannoo Gamabeellaatti lafa fudhatan qabsisuun birrii liqeeffataniin magaala Finfinnee fi Maqaleetti gamoo akka ittin ijaaratan ragaaleen mul’isaniiru.
Abbootiin qabeenya biyyaa alaa immo birrii baankii misoomaa Itoophiyaarra liqeeffatan fudhachun biyyaa bahuun asi buuteen isaanii akka dhabame gabaafama tureera.
Naannoo Gambeellaatti, dhalattoonni Tigraay baay’een maqaa Invastimantii qonnaa jedhun lafa qonnaaf fudhatan qabsisuun birrii miiliyoona heddu baankii mosooma Itoophiyaarra liqeeffachun gamoo ijaaruu fi hojii biraa ittin hojjacha akka jiran himameera