Dhaabbata sabaahimoota biyya ijiptii irra uggurri cimaan akka godhmu abbaan aalangaa olaanaan biyya masrii hubachiiseera.

Gabaasaan Dhaabbanni mirga gaazeexeysitootaaf falamu CPJn baasee akka ibsutti, abbaan aalangaa biyyatii murtii tana fudhachuun heera biyyaa tiif akka tahe beeysisan.
Yaroo filannoon biyyoolessaa adeemsifamuuf ji’a tokko qofa hafe keessatti odeeffama dharaa gabaasan jechuun sab-qunnamtiilee biyyatii ugguruuf tarkaanfiin fudhamte tun akka isaan yaaddesse CPJn gabaasaa irratti ibsan.
Dhaabbanni CPJ haalli mirga namoomaa sarbamuu keessa galee jiraachuu ibsuun, erga uggurri kun murtaawee jalqabee mootummaan Egypti aktiivistii obboo Ahmad Taariq ja’amu hidhuun nama obboo Salmaa alaadiin ja’amu hidhuuf ajajni akka bahee jiru baruun dandahame.
Obboo Shariif Mansuur qindeessaa giddu gala bahaa fii Kaaba Afrikaa akka jedhanitti, piresedaant Abdul-Fataah Al-sisi dorgomaa tokko malee kophaa isaanii filatamuuf qophaawaa waan jiruu taheef, yo kan filannoon biyyatti bilisaan geggeeffamtu taate uggura sabaahimootaa qunnamtii ajajauun barbaachisaa akka hin tahin ibsan.
CPJn gochi ugguraa ciminaan isaan yaaddessuu mootummaa Ijiptii hubachiisaniis deebisaa takkallee akka hin argatin himan.
Gabaasaan gara garaa akka ibsitutti, piresedaanti al-siisiin erga angoo qabatanii kaasee guyyarraa guyyaan mirgoota miidiyaa fii barruulee ukkaamsuun, miseensota Sossooh dargaggoo April 6 ja’amu adamsanii hidhaa akka jiran hubachiisan.
Gaazeexeessitoonni asoosheetid pirass fi Rooytars hidhamuu gaazexeessaa guyyaa Roobii kaleessaa gabaasan.
BBC niis biyyattii keessatti lammiileen ukkaamfamuun achi buuteen isaanii dhabmaa akka jirtu ibsan. BBCn gabaasaa dhiheessan akka sirreessanii dhiifamaas gaafatan mootummaan ijiptii ajaja dabarsan. Yaa ta’uu malee hoogganoonni BBC oduu gabaasani irratti badiin tokkollee waan hin hojjatiniif dhiifama akka hin gaafanne hubachiisn.
Akka oduuleen gara garaa ibsitutti, biyya ijiptii baatii Muddee 2017 jalqabee hanga ammaatti gaazeexeessitoonni 20 gahan akka mana hidhaa jiran barame.