Hoogganaan caffee Abbootti Gadaa abbaan Gadaa Bayyanaa Sambatoo biyyattii human raayyaa ittisan bulchuun Mangistuu Haylamaariyaamiifuu akka hin tolen hubachiisan.

Hooganaan Caffee Abbootti Gadaa Abbaan Gadaa Bayyanaa Sambatoo haala yeroo ilaalchisuun ibsa gazexeessitoota biyyatiif kennanii irratti “waan Komaad Poosti ja’amu kana hin jaaladhu” jedhuun yaada ibsataniiru.
Abbaan Gadaa Sambatoo ayyaana Irreechaa haala tagabbaawaa tahee geggeessuu abbootti gadaa ibsuun yo hireen kennamteef guutuu biyyattiiss akka tasgabbii waaraa uumuu dandahan hubachiisan.
Hoogganaan Caffee Abbootti Gadaa “human raayyaa ittisa biyyaatiin biyya bulchuun Mangistuu Haylamaariyaamif hin tolle” jechuun waraanni biyyatti bittinnaawuun akka ummata tti makaman arguu isaanii yaadachiisaniiru.
Abbaan Gadaa Bayyanaa Sambatoo “ dhugumatti ummatni biyyaa gara laafeessa, salphatti tasgabbaawa komaand Poostii hin barbaachisu” jedhuun haala umaatoota tasgabeessuu ilaachisee hujiin abbootti amantaa, abbootii gadaa fii jaarsoolee biyyattiti akka kennamuu qabu gaafataniiru. Ummatoonni biyyaa gorsa jaarsolee biyyaa, abboottii amantaa fii abbootti gadaaf akka gahee guddaa kennan hubachiisan.
Karaa biroon immoo, hoogganaan bataskaana ortodoksii walii gala abbaa Maatiyaasa guyyaa Wiixataa ibsa magaalaa finfinneeti baasaniin ummanni biyyaa hundi kakuu akka seenan murteessan.