ODUU SIMBIRTUU!!Barreessaan ministeera dhimma alaa Ameerikaa rex Tillerson imaltuu itoophiyaa dhaquufi ja’ama

Jilli ulfaataan barreeysaa ministeeraa dhimma alaa Ameerikaa Rex Tilerson niin hoogganamu gaafa guyyaa Roobii Bitootess 07 bara 2018 akka itoophiyaa imaluuf jiraatan gaazeexaan Addis Standarad gabaase.Imalli Mr. Tillerson kun yeroo mootummaan itoophiya haala cimaan rakkoo siyaasaa keeessa lixxe tahuu maddi oduu dame ministeera dhimma alaa irraa isaan gayuu Addis istaandarda ibsan. Ijoon marii jila haala rakkoo yeroo amma biyti itoophiyaa keessa jirtu irratti akka tahe maddi oduu ibse.
Imalli jila Mr. Tillerson niin hoogganamuu akka qarnii Afrikaa dhaqan gaafni ibsamee ture gaafa baatii amajjii Donaald Traamp xalayaa hoogganoota Afrikaa tiis isaanii teeysoo baraa irra jirani irate erge ibsamuu miidiyaaleen biyya ameerikaa gara garaa ibsaniiti turan. Dhaamsi Doonalad Traamp erga inni waayee baqattuu Afrikaa fii Haiti irratti yaada isaan dallansiise kennatee booda ture. Gaafa san garuu jilli gara itoophiyaa qaqqabuu fii dhiisuun sagantaa irra jiraachuun hin baramne ture.
Dubbi himaan Embaasii Ameerikaa Finfinnee Nick Barnet akka jedhanitti, odeeyfannoo imala jilaa dhugoomsuu akka hin dandeenye ibsaniis Addis Staandarad immoo,waajjirri ministeeraa dhimma alaa Ameerikaa guyyaa arraa waaree booda ibsa akka baasuff jiraatan hubachiisan. Itoophiyatti imbaasiin ameerikaa labsa yaroo hatattamaa itoophiyaan baafte khan mirga lammiilee ugguruu fii bilisaan walgahii ummataa dhoorku baasuu guyyaa Sambataa Gurraandhala 17 bara 2018 haala cimaan mormuu labsa baasuun ibsan.Labsi yaroo muddamaa Ministeerri Muummee obbo Hayilamaariyaam Dassaaleny fedhiin aangoo gadhiisuuf xalayaa galfachuu isaanii booda guyya tokko tureeti.
Jilli Mr. Tillerson niin hoogganamu imaltuu isaanii itoophiyaa tti Minesteera muummee Hayilamariyam Dassaaleny fi hoogganoota buleeyyii akkasumaas hoogganoota tokkummaa Afrikaa waliin akka wal arguuf saganteeyfatan himame.