Labsiin yeroo hatattamaa erga labsamee booda mormii ummataa waan itti fufeef loltoonni tarkaniiffii barbaachiisa akka fiudhatan ajajamusaanii Koreen Komaand Poostii beeksise

Naannoo Oromiyaa Magaala Naqamtee fi Dambidoollootti guyyoota lamanii fi sadeen darbaan haali uumame labsii yeroo hatattamaa kan diiguu akka ta’e koreen Komaad poostii ibsa baaseen himeera
Magaaloota laman kanniin keessatti boombiin harkaa darbatamuusa ibsi koree Komaand Poostii kun mul’iseera
Loltoonni mootummaa lubbu namaa akka hin dabareef of eeggannoo gochuun ofii isaaniif akka miidhaman ibsi koree komaand poostii jeneraloota waayyaannee beeksiseera
Mormii jirattoota magaloota lamaniis kan farreen nageenyaa qindeessan jechun gaaffii ummataa tuffateera.
Loltoonni mootummaa labsii yeroo hatattamaa labsame kana hojiirra oolchuuf akka rakkatan hubatamu ibsi kun mul’iseera
Ammaan booda mormiin ummataa kan itti fufu yoo ta’e, loltoonni mootummaa tarkaniiffii barbachiisaa hunda akka fudhatan ajajamu isaanii ibsi koree Komaand Poostii beeksisuun ummatarratti ifatti waarana labseera
Oduu biraan immo , miseensoonni mana marii bakka bu’oota ummataa labsii yeroo hatattamaa akka hin raggasneef bilbilaa fi mana jireenyaa isaanii deemuun soodachiisama akka jiran ibsi kanarra hubatameera
Gochi kun seeraan ala waan ta’eef miseensoonni mana marii bakka bu’oota ummataa fi maatiin isaanii komaand poostiitti waan iyyataniif tarkaniiffiin ni fudhatama jedheera
Manni marii ministiroota gurraandhala 9 bara 2010 labsii yeroo hatattamaa labsuus mormiin ummataa cimee itti fufun labsicha diigeera
Labsiin yeroo hatattamaa mootummaan waayyaannee labse kana jirattoonni Oromiyaa, Godina Guraagee , magaala Bahaar-Daar , Laliibalaa fi Gondor diiganiiru.
Koreen Komaand poostii waayyaannee murtii ummataa kana soodachun loltoonni mootummaa tarkaniiffi barbaachiisa hunda akka fudhatan ajajun ummataarratti waarana labseera