Magaala Naqamteetti tarkaniiffii loltoonni Agaazii fudhataniin lubbu nama tokko darbuun namoonni 19 rra miidhaa guddaan gaheera

Jilli Kongirasii Federaliistii Oromoo Dr Maraaraa Guddinaa hogganamu simaannaa jirattoota magaala Shawaa lixaa fi magaaloota Godinaalee Wallaggaan taasifamuuf irratti argamuuf labsiin yeroo hatattamaa osoo hin labsamnee dura sagantaa qabateera
Akkatadhuma sagantaa qabameen jilli hoggantoota Kongirasii Federaliistii Oromoo jirattoota godina shawaa Lixaan erga simatame booda gara magaala Naqamteetti imaleera.
Magaala Naqamtee gahuuf kiilo meetiri muraasni wayita hafu magaala Guuteetti loltoonni Agaazii karaa itti cufun gara Naqamtee akka hin seene dhorkaniiru.
Jilli kun magaala Naqamtee osoo hin seenee gara duubaattiis osoo hin deebine halkan tokko daandiirra bulunii gara Finfinneetti deebi’eera.
Jirattoonni magaala Naqamtee hoggantoota isaanii simachuuf eegaa turan gocha Loltoota Agaazii kannatti dallanuun hiiira mormii bahaniiru
Jirattoonni hiriira isaanii kanan loltoonni Agaazii sababa labsii yeroo hatattamaa jedhun magaalaatti keessa qubatan akka bahan hiriira mormii bahun gaafataniiru
Tarkaniiffii jibbiinsa loltoonni Agaazii jeneraloota Tigraay hogganaman jirattoota Naqamteerratti fudhataniin dargaggoo Abbaabaa Mokonnon wareegameera
Namoonni 19 ol immoo rasasaa loltoonni agaazii kallattiin dhukasaniin miidhaan qaamaa guddaan akka irra gahe gabaafameera
Loltoonni Agaazii magaala Naqamtee gara dirree waaranaatti jijjiiruun jirattoota umirii fi saalaan osoo adda hin baasne reebaa akka jiran himameera
Akkasumas loltoonni agaazii moora yuunivarsiitii Wallaggaa seenuun guyyoota sadiif walitti aansuun baratttoota reebaa jiru
Barattoonni Yuunivarsitichaa gara maatii isaaniitti deebi’aanii galuuf karaa waan cuufameef gara bosonaatti baqachuu isaanii ragaaleen mul’isaniiru.
Barattoonni yuunivarstii Wallaggaa baay’een reebiichi waan itti cimeef kutaa ciisichaa isaanii bosonaa keessa jiraachuuf dirqamaniiru
Mormiin qeerroo magaala Naqamtee gara magaloota fi gandoota naannooshee birootti babal’achun dhaga’ameera
Qeerroon magaala Ukkee obbolawwaan isaanii Naqamtee deeggaruun hiriira nagaa bahun mootummaa abba irree waayyaannee fi labsii yeroo hatattamaa balaalefataniiru
Darggaggoonni magaala Ukkee lama rasasaasaan rukutamanii hospitaala Naqamteetti waldhaanama akka jiran himameera
Lakkofsi namoota rasasaa waayyaanneen ajjeeffamanii fi rukutamanii kun dabaluu akka danda’u himameera.