Balaa ibiddaa mana hidhaa Godina Arsii lixaa Magaalaa Shaashamanneetti uumameen Lubbuun Nama tokkoo akka darbe himame

Balaan ibiddaa mana hidhaa magaalaa Shaashamanneetti mudate lubbuu nama tokkoo wayita gaalaafatu namoonni sadii immoo miidhamuun isaanii himameera. Balaa kanaan Bilookii hidhamtoonni keessa jiraatan tokko dabalatee biiroolee fi galmi tajaajila addaa addaatiif oolu akka barbadaa’e gabaafameera. Balaan ibiddaa kun hirmaannaa qeerroo fi jiraattota magaalaa Shaashamanneen to’aannoo jala akka oolfame himameera. Sababni Ka’umsa balaa ibiddaa mana hidhaa Shaashamanneetti uumame qulqullaa’aa akka ...

Read More »

Manni Murtii Walii galaa naannoo Amaaraa Dhaddachi ramaddii Gondor Galmee himannaa Koloneel Dammaqaa Zawuduurratti murtii kennuuf yeroo dhumaatiif beellameera.

Manni murtii waliigalaa naannoo Amaaraa dhaddacha ramaddii Gondor, dhaddacha gaafa jimaataa taa’een ragaalee abbaan alangaa galmee himannaa koloneel Dammaqaa Zawuduu irratti dhiyeesse sakatta’ee murtii ofirraa ittisaa yookaan hin ittisinaa jedhu ni murteessa jedhamee eegamee ture . Bali’ina himannichaa wajjin wal qabatee abbootiin seeraa tokkoon tokkoon isaanii dhimmicha ilaaluu qabu sababa jedhuun guraandhala 22 bara 2010 tti beellameera. Abbaa Alangaa walii ...

Read More »

Itoophiyaatti Imbaasiin Ameerikaa Akeekkachiisa imalaa kennuun beekame.

Ministeerri muummee Ethiopia obbo Haayilamaariyaam Dassaaleny fedhiin aangoo gadhiisuuf xalayaa galfatanii wajjin walqabatee Imbaasiin Ameerikaa Finfinnee jiru akeekkachiisa imalaa kenneera. Hojjettoonni Imbaasichaa sababa kamiinuu magaalaa finfinneen ala bahuu akka hin qabne imbaasichi akeekkachiiseera. Lammiileen Ameerikaa odeeffannoo miidiyaaleen biyya keessaa kennan hordofuun of-eeggannoo gochuu akka qaban imbaasichi akeekkachiseera. Itoophiyaa keessatti osoo hin yaadamin hiriirri mormii uummataa fi jeequmsi uumamu akka malu ...

Read More »

Ministirri Muummee Hayilamariyaam Dassalaany xalayaa Aangoo Gadhiisuu galfatan

Ministirri muummee Itoophiyaa obbo Hayilamariyaam Dassalaany Itti gaafatamummaa isaaniirra fedhiin gadhiisuuf xalayaa akka galfatan beeksisaan Obbo Hayilamariyaam xalayaa aangoo mootummaa gadhiisuu mana marii bakka bu’oota ummataaf akka dhiyeessan himaniiru Manni marichaas gaaffii aangoo mootummaa fedhiin gadhiisuuf dhiyeessan kana akka fudhatu abdiisaanii ta’uu obbo Hayilamariyaam ibsa kennan beeksisan Obbo Hayilamariyaam Dura taa’uummaa Waarraqsa tokkummaa ummattoota Kibbaarra ka’uuf xalayaan koree hojii raawwachistuu ...

Read More »

Jirattoonni magaala Adaamaa Obbo Baqqalaa Garbaaf Simaannaa Gootaa Taasisaniif jiru

Qeerroo fi uummanni magaalaa Adaamaat kuma heddu Itti -aanaa dura taa’aa kongirsii Federaliistii Oromoo Obbo Baqqalaa Garbaa simannaa gootaa taasisaniif jiru Qeerroon fi jirattoonni magaalaatti kaallattii arfanuu sirbaa fi Shubbisaan akkasumas dhadannoo adda addaa qabachuun gootasaanii obbo Baqqalaa Garbaa Istadiyeemii magaalaa Adaamaatti simataniiru Jiraattoonni magaala Adaamaa obbo Baqqalaan mana hidhaatti yeroo gadhiifamanii jalqabee hanga mana isaanii deemuun gammachuu itti dhaga’ame ...

Read More »

Obbo Olbaanaa Leellisaa, Iskindir Naggaa, Aandu’aalam Arraagee fi ustaaz Ahmaddiin Jabal dabalatee hidhamtoonni 746 gadhiifaman

Obbo Olbaanaa Leellisaa ,Iskindir Naggaa, Aandu’aalam Arraagee fi ustaaz Ahmaddiin Jabal dabalatee hidhamtoonni siyaasa 746 gurraandhala 7 bara 2010 mana hidhaatti gadhiifamaniiru Hidhamtooni mana hidhaatti gadhiifaman kunnin sababa Siyaasa fi mankaraarsummaa amantii jedhun hidhamanii dararamaa kan turan Pirezedaantii naannoo Gaambeellaa duraanii fi lamummaa Norwaay qaban Okeelloo Okaay, Caaltuu Taakkalaa, obbo Olbaanaa Leelisaa, aadde Immaawwaayyish Alamuu, obbo Iskindiir Naggaa, Andu’aalam Arraagee, ...

Read More »

Godina Guraagee magaala Walqixxeetti mormiin laguu gabaa gara hiriira mormiitti jijjiirameera

Naannoo Ummattoota Kibbaa Godina Guraagee magaala Walqixxeetti mirmiin laguu gabaa gara hiriira mormiitti jijjiiramuun gamoon wajjiiraaleen mootummaa ibidan gubateera Mormii Ummataa kanan sanadiiwwaan adda addaa barbada’uu ragaaleen mul’isaniiru Jirattoonni magaala Walqixxee sodaa waggoota hedduuf ture cabsuun hiriira bahun morma jalqabaniiru Jirattoonni magaalaatti guyyaa roobii jalqabee mormii laguu gabaarra kan turan yoo ta’u guyyaa lammaffaatti immo hiriira akka bahan himameera Mormii ...

Read More »

Siiriil Raamaafoozan pirezdaantii Afriikaa Kibbaa ta’uun Muudaman

Pirezedantiin Afrikaa Kibbaa duraanii Jaakoob Zuuman dhiibaa Paartin isaanii Koongirasiin Biyyyoolessaa Afrikaatiin fi lammiilee biyyaattiin taayitaa gadhiisaniiru Akka lakkofsa warra faranjoota bara 2009 jalqabee Pirezedaantii Afriikaa Kibbaa ta’un tajaajila kan turan Jaakoob Zuumaan dhiibaa kana wajjiin walqabatee fedhiin aangoo isaanii gadhiisaniiru Bakka isaanii immoo Siiriil Raamaafoozan umriin waggaa 65ffaa isaaniitiin pirezedantii Afriikaa kibbaa ta’uun muudamaniiru Raamaafoozan dhiyeenya dura taa’aa paartii ...

Read More »

Gaazexxessaa Iskindiir Naggaa fi Obbo Andu’aalam Arraagee dabalatee hidhamtoonni Siyaasa 746 akka gadhiifaman Abbaan Alangaa Waliigalaa beeksise

Hidhamtoonni Siyaasa yakka shororkeessummaa, jeequmsa, mankaraarsummaa amantaa fi kan biroon himatamanii itti murta’ee fi dhimmi isaanii mana murtiin ilaallama jiru akka gadhiifaman abbaan alangaa waliiglaa federaalaa beeksisan Hidhamtoonni siyaasa sadarkaa federaalaatti itti murteeffammee manneen hidhaa keessa jiran 417 dhiifamaan akka gadhiifaman himameera Gaazexxeessaa Iskindiir Naggaa fi obbo Andu’aalem Arraagee fulbaana 3 bara 2004 jalabee mana hidhaa keessatti dararamaa akka jiran ...

Read More »

Korporeshiniin Sibilootaa fi Injinariingii Itoophiyaa Warshaa Xaa’oo Yaayyoo ijaare xummuruuf dabalatan birrii Biiliyoonni Sagal akka kaffalamuuf Gaafate.

Korporeshiniin Sibilootaa fi Injinariingii Itoophiyaa jeneraloota waayyaannee hogganamu Ijaarsa warshaa xaa’oo Yaayyoo waggaa 2 keessatti ijaaree xummuruuf waada galee ture Yaa ta’u malee, raawwiin ijaarsi warishichaa waggoota jahan darban keessatti dhibbeenta 44 qofarra akka jiru himameera Ijaarsi Warshichaa Koorporeeshiniin Indaastirii Keemikaalaa kisaaraa dabalataaf saaxilaa akka jiru mana marii bakka bu’oota ummataatti himeera Koorporeeshinii Sibiilotaa fi Injinariingii jeneraloota waayyaannee hogganamu ijaarsa ...

Read More »