Hoogganoonni Adda Bilisa Baasaa Ummata Tigraayii Dr. Abiyi Ahimad akka hin filatamneef bobbaa cimaa geggeesaa jiraachuun barame.

Koreen Giddugaleessaa Dhaabbata Dimokirasummaa Ummata Oromoo Dr.Abiy Ahmad dura taa’aa obbo Lammaa Magarsaan immoo itti -aanaa dura taa’aa dhaabbatichaa gochun muude.
Dhaabbatichi yeroo murteessaa kanatti sireeffama ramaddii hoggansaa gochu kan barbaachiseef dhaabbaticha bakka bu’uun nama ministiira muummee biyyaattiif dorgomu qopheessuuf akka ta’e gabaafame.
Dr Abiyi Ahimad miseensa mana marii bakka bu’oota ummataa waan ta’aniif taayitaa ministiira muummeef dorgomuuf carraa guddaa waan qabaniif dura taa’aa dhaabbaticha ta’uun muudamuun isaanii qamooleen deeggaran jiru
Muudamni haaraa hirmaannaa fi fayyadamummaa Ummata Oromoo fi biyyaatti mirkaneessuuf yaadametti ja’ame.
Yaa Ta’uu malee, hoogganoonni Adda Bilisa Baasaa Ummata Tigraayii akka Dr. Abey Ahimad hin filatamne olola cimaa irratti qindeessaa jirachuun barame. Odeeyfannoon ESAT qaqqabe akka ibsuti Dr. Abiyi Ahimad jibbaa dhaloota Tigree qaba jechuun olola dharaa irratti oofuu jalqaban.
Presedaantiin bulchinsa naannoo Oromiyaa obbo Lammaa Magarsaa marii OBN waliin geggeessaniin haala biyyattii keessati dhalatee jiru irraa ka’uun dhaabbanni Dh.D.U.O. karaa bishina qabuun karaa itti fufinsa qabuun gaaffii ummanni bara dheeraaf gaafataa ture bu’ura gochuun filannoo akka gegeessan himan. Akka presedaanti Lammaan jedhanitti, qaamni hujii federaalatiif muudamu kamuu waan bu’aa biyyattii gumaachu irratti marii bal’aa geggeessuun akka filatn hubachiisan.

Oduu birootin immoo, hoogganoonni TPLF Dr. Abiyi Ahimad jibbaa gadi fagoo lammiilee dhaloota Tigreetiif qaba jechuun akka hin filatamneef bobbaa cimaa akka jalqaban himame. Haaluma kanaan barreeffamni maqaa Obboo Barakat Simooniin bareeffame dandeetii fii barumsa Dr. Abiyi Ahimad qeequ fii xinneessu midiyaalee hawaasummaa miseensota TPLF gubbatti tamsaasamaati ture. Obboo Barakat Simon marii televisiyoona itoophiya irratti geggeeseen barruun maqaa isaaniitiin bareefamte turte tan isaanii akka hin taane ibsan.