Lammiilee Oromoo Qe’ee fi Qabeenyaa isaaniirra Naannoo Sumaaleetti buqqa’aniif deeggarsi Birrii Biiliyoona tokko ol walitti qabamun himameera

Gargaarsi maallaqaa fi akaakuu lammiilee oromoo qe’ee fi qabeenya isaaniirra waan oromoo ta’an qofaaf naannoo sumaaleetti buqqa’aniif taasifamu cimee itti fiufeera
Haaluma kanan deeggarsi maallaqaa birriin biiliyoona tokkoo fi miiliyoonni 100 fi miiliyoonni torbaa ol walitti qabamuusa Biiron Dhimmoota Koominikeeshinii mootummaa Oromiyaa beeksiseera
Deeggarsi maallaqa lammiilee Oromoo shira tikoonni mootummaa xaxanii fi jeneraloonni waayyaannee qindeessaniin naannoo sumaaleerra buqqa’aniif birriin biiliyoona 1 fi miiliyoona dhbbaa tokko ol baankiitti galuusa biiriichii beeksiseera
Dhalattoonni Oromoo amantii fi gandaan osoo wal hin qoodne lammiilee naannoo Somaaleetti buqqa’aani deebisanii hundeessuu, mana ijaaruu fi deeggarsi meeshaaledhaan gumaachaa jiran cimsanii itti fufeera.
Magaaloota Godina Addaa Oromiyaa Naannoowwa Finfinee dabalatee magaloota Oromiyaa hunda keessatti lammiilee Oromoo naannoo Sumaleetti qe’ee fi qabeenya isaaniirra buqqa’aniif manneen jireenya ijaarama akka jiru himameera
Shira tikoonni mootummaa waayyaanneen xaxaniin lammiileen Oromoo miiliyoona tokkotti dhiyaatan qe’ee fi qabeenya isaaniirra naannoo Sumaaleetti buqqa’uun isaanii kan yaadatamudha