Lammiilee Oromoo Qe’ee fi Qabeenyaa isaaniirra Naannoo Sumaaleetti buqqa’aniif deeggarsi godhamaa jiru cimee itti fufee jira.

Gargaarsi lammiilee oromoo qe’ee fi qabeenya isaaniirra waan oromoo ta’an qofaaf naannoo sumaaleetti buqqa’aniif roga hundaan taasifamaa jiru cimee itti fufe.
Haaluma kanaan,Ummatni sidamaa fi Bulchinsi Godina sidaamaa Oromoota Naannoo Sumaalee Itiyoophiyaa qe’eef qabeenyaa isaanii irraa buqqa’aniif deeggarsaa taasisu biroon komunikeeshinii Ormia ibsan.
Ummatni sidamaa fi Bulchinsi Godina sidaamaa Oromoota Naannoo Sumaalee Itiyoophiyaa qe’ee fi qabeenyaa isaaniirraa buqqa’aniif deeggarsaa Birrii Miliyoona 2.5 gumaachaniiru. Jila deeggarsa Ummata sidaamaa fi Bulchinsaa Godina bakka bu’uun deeggarsa kana kan fidan Itti gaafatamaan mallaqaa fi misoomaa dinagdee godinichaa kan ta’an Obbo Ababaaw Abarraa ture.Itti aanaa pireezidaantii Itti Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Umar Huseenitti Kennanii jiru.
Sirna kana irratti Obbo Umar Huseen itti aanaan presedaantii Naannoo oromiyaa Ummatni siidamaa uummata obbolleeyyan yeroo rakkoo nuu cinnaa dhabachuun deeggarsaa taasisan akka galateefatan ibsaniiru.
Ummanni Siidamaa fi Oromoo ummata baroota dheeraaf akka ummata tokkootti nageenya, obbollummaan fi wal deeggaruun uummata waliin jiraachaa ture.
Dhalattoonni Oromoo amantii fi gandaan osoo wal hin qoodne biyyaa fi biyya alaa, lammiilee naannoo Somaaleetti buqqa’aan deebisanii hundeessuu, mana ijaaruu fi deeggarsi meeshaaledhaan gumaachaa jiran cimsanii itti fufe.
Haaluma wal fakkaatuun, deeggarsi maallaqaa birriin biiliyoona tokkoo fi miiliyoonni 100 fi miiliyoonni torbaa ol walitti qabamuun lakkoofsota Herregaa baankiiwaniitii galuu Biiron Dhimmoota Koominikeeshinii mootummaa Oromiyaa beeysisan.
Magaaloota Godina Addaa Oromiyaa Naannoowwa Finfinee dabalatee magaloota Oromiyaa hunda keessatti lammiilee Oromoo naannoo Sumaleetti qe’ee fi qabeenya isaaniirra buqqa’aniif manneen jireenya ijaarama akka jiru himame.
Itti dabaluun, Yeroo ammaa kana lammiilee oromo qe’ee fi qabeenya isaanirraa oromoo ta’uu qofaaf buqqa’an karaa waara’aa ta’een deebisanii dhaabuuf magaalota 12 keessatti lafa Hek. 255.29 qopheessuun manneen jireenyaa 7,806 ijaaruun kan eegalame yoo ta’u manneen jireenyaa eegalaman keessa 5260 yeroo ammaa xumuramanii tajaajilaaf qopha’aanii jiachuu Biiroon dhimmoota Kominikeeshinii Oromiyaa guyyaa ar’aa ibsan.
Shira tikoonni mootummaa waayyaanneen xaxaniin lammiileen Oromoo miiliyoona tokkotti dhiyaatan qe’ee fi qabeenya isaaniirra bulchinsa naannoo Sumaalee itoophiyaati buqqa’uun isaanii ni yaadatama.