Author Archives: Central

Jirattoonni Godinaalee Oromiyaa adda addaa ajjeechaa Calanqoo balaleeffataniiru.

Jirattoonni Godinaalee Oromiyaa adda addaa ajjeechaa raayyaan ittisa biyyaa Calanqootti raawwate fi darara ummatarraan gahaa jiru hiriira bahan balaleeffataniiru. Haaluma kanan, Godina Iluu Abbaa Booraa Magaalaa Mattuutti barattoonni manneen barnootaa sadarkaa 1ffaa fi 2ffaa magaalatti keessatti argaman yeroo lammaffaaf hiriira bahuun gadda isaanii ibsacha oolaniiru. Barattoonni Manneen barnoota magaala Mattuu dhadannoo Ajjeechaa fi gaaga’amni Ummata Oromoo iratti raawwatamu yaa dhaabbatu,Abbaan ...

Read More »

Naannoo Amaaraatti daandiwwan gurguddoon Gojjam fi Gondor keessa jiran Pooliisii Federaalaan eeggumsa fi sakkata’insi guddaan Taasifamaf akka jiru himame

Naannoo Amaaraa Magaloota adda addaa keessatti tasgabbiin dhabamuu ragaaleen mul’isaniiru. Miseensoonni Pooliisii Federaalaa fi milishoonni daandiwwan gurguddoo Gondor fi Gojjaam Keessa jiran sakkata’aa fi eggumsa guddaa gocha akka jiran beekameera. Miseensoonni Pooliisii Federaalaa baay’een daandiwwaan kanniin irratti kan mul’atan yoo ta’u, sakkata’iinsaa cimaa gocha jiru Keessattu daandiwwaan konkolattooni fe’uumsa gurguddoon midhaanii fi Oomishaalee adda addaa fe’aan itti baay’ataniif eggumsi cimaan ...

Read More »

Loltoonii mootummaa Itoophiyaa Godina Harargee Bahaa Aanaa Meettaa magaala Calanqootti lammiilee nagaa weerara liyyuu Pooliisii Sumaalee mormaa turani irratti rasaasa roobsuun lubbuu namoota nagaa 18 gaalafateera.

Tarkaniiffii gara jabeenyaa fi jibbaa raayyaan ittisa biyyaa jirattoota magaala calanqoo fi naannoo ishee irratti fudhate kanan lakkofsi namoota du’aanii dabaluu akka danda’u ogeessoonni fayyaa hima jiru. Miseensoonni Agaazii namoota nagaa weerara liyyuu pooliisii naannoo Sumaalee hiriira bahuun mormaa turan kallattiidhaan itti dhukaasun lubbuu namoota nagaa akka gaalafatan himameera. Namoonni ajjeeffaman irra caalaan qonnaan bultoota ta’uusaanii ragaalee mul’isaniiru. Namoota rasaasa ...

Read More »

Walgahiin Koree Hojii Raawwachistuu Adda Dimokirasumaa Waarraqsa Ummattoota Itoophiyaan jalqabamee ture addaan cituun himameera.

Walgahiin Koree hojii Raawwachiistu Adda Dimokirasummaa Waarraqsa ummatoota Itoophiyaa(Ihaadiig) gaafa wixaaxa jalqabame turee addaan cituusa gabaafameera. Miseensoonni koree hojii raawwachistu Addicha haala qabatamaa siyaasa, diinagdee fi hawaasummaa biyyaatti yeroo amma keessa jirtuu fi kallattii gara fulduraa irratti xiyyeeffachuuun akka mari’atu gabaafame ture. Haaluma kanan walgahiin korichaa obboo Hayilamariyaam Dassalaany hogganaan kun gaafa wixataa jalqabamun himame ture Yaa ta’u malee, sababa ...

Read More »

Baratoonni Dhaabbilee Barnootaa Olaanoo adda addaa mormii jalqaban itti fufeera

Yunivarsitoonni fi manneen barnoota Oromiyaa fi naannoo Amaaraa keessa jiran baay’een bakka adeemsi baruu fi barsiisu akkasumas giddugalaa qorannoo fi qo’annoo ta’uun hafee dirree mormiitti jijjiirama jiru. Keessattu Yunivarsitoonni naannoolee Oromiyaa fi Amaaraatti argaman tibbaana mormii cimaa keessa akka jiran ragaaleen mul’isaniiru. Tarkaniiffii yunivarsitii Adigraatitti fi Aksumiitti barattoota Oromoo fi Amaaraa irratti fudhatame wajjin walqabatee yunivarsitiiwwaan Waldiyaa, Gondor, Amboo, Wallaggaa, ...

Read More »

Rakkoon Hawasummaa Oomishni Sookkoo Laga Danbii Jirattoota Aanaa Oddoo Shakkisoo irran gaha jiru cimee akka itti fufe himameera.

Godina Gujii aanaa Oddoo Shakkisootti, Oomishni Sookkoo (warqii) Laga Danbii Midirookiin Oomishamu jirattoota rakkoo fayyaaf saaxila akka jiru BBCn gabaaseera. Akka gabaasa BBCtti, Keemikaalli Sanayiidii kaampaaniich Sookkoo qulqulleesuuf itti fayyadamu jirattoota dhukkuba Onnee, Bowwoo mataa, Sammuu fi Narvii saaxila akka jiru ogeessoonni fayyaa himaniiru Rakkoon Hawasummaa fi diinagdee Kaampaniin Oomisha albuuda Sookkoo laga danbii jirattoota aanaa Oddoo Shakkisoo irraan gahaa ...

Read More »

Jilli Aadaa Oromiyaa Guyyaa Sabaa fi sablamoota irratti hirmaate qabatamaa yeroo amma ummanni Oromiyaa keessa jiru mul’iseera.

Mootummaan Itoophiyaa wagga waggaan sadaasa 29 guyyaa sabaa fi sablamoota biyyaatti jechun magaloota naannoolee adda addaa keessatti kabaja tureera. Sadaasni 29 guyyaa heerri mootummaa waayyaannee mirga fi walqixummaa sabaa fi sablamoota mirkaneesse jedhame ragga’ee hojiirra oolee waan ta’eef guyyaan kun kan kabajamu Heerri mootummaa Itoophiyaa gaaffii eenyummaa lammiilee biyyaatti kan deebise osoo hin taane eenyummaa, mirgaa fi walqixummaa ummata biyyaatti ...

Read More »

Manni Murtii Olaanoo Federaalaa Himatamtuun Caaltuu Takkalaa Dhadacha tuffate jechun Adabbii Maallaqaa itti murteessee

Manni murtii olaanoo Fedelaaatti dhadachi 19ffaan mana hidhaa keessa kan jirtu shamaree Oromoo Caaltuu Takkalaa dhadacha tuffate jechun adabii maallaqaa itti murteesseera. Galmee Dachaasaa Moosoosaa jalatti kan himatamte Caaltuu Takkalaa ”Isiin Ihaadiig,Mana Murtii Ihaadigiirra homaa hin eegu” jette dubbate jechun manni murticha adabbii maallaqaa kan itti murteesse Manni murtichaa dhadacha sadaasa 28 bara 2010 ta’een himatamtoota Oromoo Caaltuu dabalatee galmee ...

Read More »

Jilli Hoggantuu Dhaabbata Maallaqaa Addunyaa ( IMF) Itoophiyaa akka daawwaatu himame

Jilli Hoggantuu dhaabbata maallaqaa addunyaa Kiristaan Laagaardiin hogganamu hanqina sharfa alaa biyyaatti hudhee qabee irratti mar’achuuf gara Itooophiyaa akka imalu beekameera. Jilli kun gara itoophiyaa kan imaluuf hanqinni sharafa alaa fi haali diinagdee biyaattii waan isa yaaddeesseef jedhameera Kuusaan sharafa alaa Itoophiyaa gara dolaarii miiliyoona 700 kan gadi bu’ee yoo ta,u, hanqina sharafa alaa wajjiin walqabatee meeshaalee buufata doonii jibuutii ...

Read More »

Baqattoota Itoophiyaa Awurrooppaa gara biyyaatti deebisuuf akka karoorfame himame

Baqattoota Itoophiyaa eyyama jireenya yookan sanadii barbaachiisa hin qabne fedhii fi humnaan gara biyyaatti deebisuuf Gamtaan Awurrooppaa fi mootummaan Itoophiyaa waliigaluun isaanii beekameera. Akkaata waliigaltee kanan, Wajjiirri tikaa Itoophiyaa baqattoota Awurrooppaa gara biyyaatti fedhii fi humnaan deebisuuf deeggarsa guutuu gochuuf waadaa galeera Baqattoonni paaspoortii lamummaa isaanii mul’isu hin qabneef wajjiirri tikaa Itoophiyaa eenyummaa isaanii erga mirkaneeffatee booda garaa ministeera dhimma ...

Read More »