Loltoonii mootummaa Itoophiyaa Godina Harargee Bahaa Aanaa Meettaa magaala Calanqootti lammiilee nagaa weerara liyyuu Pooliisii Sumaalee mormaa turani irratti rasaasa roobsuun lubbuu namoota nagaa 18 gaalafateera.

Tarkaniiffii gara jabeenyaa fi jibbaa raayyaan ittisa biyyaa jirattoota magaala calanqoo fi naannoo ishee irratti fudhate kanan lakkofsi namoota du’aanii dabaluu akka danda’u ogeessoonni fayyaa hima jiru.
Miseensoonni Agaazii namoota nagaa weerara liyyuu pooliisii naannoo Sumaalee hiriira bahuun mormaa turan kallattiidhaan itti dhukaasun lubbuu namoota nagaa akka gaalafatan himameera.
Namoonni ajjeeffaman irra caalaan qonnaan bultoota ta’uusaanii ragaalee mul’isaniiru.
Namoota rasaasa loltoota mootummaa mada’aani keessa daa’immni waggaa kudhanii rasaasaan mataarra rukutame keessatti akka argamu gabaafameera.
Namoonni tarkaniiffii gara jabeenyaa raayyaa ittisaa biyyaa fudhateen mada’aanii jiruu fi du’aa gidduu jiran hospitaala Dirree Dhawaatti waldhanamaa akka jiran beekameera.
Sababni gocha ajjeecha sukkaneessaa kana weerara Liyyuu Pooliisii naannoo Sumaalee wajjiin kan walqabatu ta’u himameera
Liyyuu Pooliisiin naannnoo Sumaalee aanaa Meettaatti araddaa Sarkamaa weerarun nama Ahimaddin Ahimad Asaasaa jedhamu rasaasaan akka dhoofte jirattoonni dubbataniiru.
Obboo Ahimaddin Ahimad Asaasaa gara mana yaala geessaa osoo jiran karaarratti lubbuun isaanii waan dabarteef ummanni hangaa yoomiitti ajjeechaan nurratti raawwatama jechun dallanee hiriira mormii akka bahe dhaga’ameera.
Jirattoonni Magaalaa Calanqoo kara nagaan weerara liyyuu Pooliisii naannoo Sumaalee balaleeffachaa akka turan himameera.
Kana gidduutti miseensoonni raayyaa ittisa biyyaa jirattoota harka duwwaa hiriira mormii bahan irratti rasaasa roobsuun lubbuu namoota nagaa galaaffachuu isaanii himameera.
Miseensoonni raayyaa kallattiidhaan ummataa hiriira mormiirra ture irratti dhukaasuun lubbuu namoota nagaa hedduu galaafachun gocha gara jabeenya yeroo kamuu hin dagatamne raawwataniiru.
Sirni Awaalcha lammiilee Oromoo tarkaniiffii jibbiinsa raayyaa ittisa biyyaa Itoophiyaan wareegamanii bakka siida yaadannoo Calanqootti awaaluuf yaadni kan jiru ta’uus raayyaan ittisa biyyaa kanaas dhoorku danda’a jedhameera.
Sirna Awwaalcha lammiilee Oromoo Godina Harargee Bahaa Aana Meettaatti ajjeeffamanii torba Arada Dusee Keessatti raawwatameera .
Namoonni baay’een sirna awaalcha lammiilee Oromoo wareegamanii irratti argamuuf aanaalee Harargee lamanii akkasumas magaala Dhirree Dhawaa fi magaaloota biroo irraa garaas imala jiru.
Miseensoonni raayyaa ittisaa biyyaa sirni awaalcha lammiilee ajjeeffamanii bakka tokkotti akka hin raawwatamne akkasumas namoonni aanaalee biroo akka hin argamne ittisaa jiraachun hubatameera.
Mootmmaan naannoo Oromiyaa gamasatiin,tarkaanfii ajjeechaa raayyaan ittisa biyyaa jirattoota magaala Calanqooo irratti fudhate kana cimsee akka balaleeffatu garaa dubbi himaasatiin beeksiseera.
Raayyaan Ittisa biyyaa tarkaanfiin gara jabeenyaa fi jibbiinsa kana maaliif akka fudhate qaamni qulqulleesau caffee Oromiyaarra ramadamee bobba’uusa hogganaan Biiroo Dhimmoota Komunikeshiinii Oromiyaa Obboo Addisuu Araggaa beeksisaniiru