Author Archives: Central

Itoophiyaa fi Kuwaataar waliigaltewwwan adda adda akka wajjiin mallatteessan miidiyaaleen Itoophiyaa gabaasaniiru

Amiirri Kuwaataar Sheek Tamiim Biin Hamaad Al Taanii daawwannaa hojiitiif gaafa wixataa Finfinnee galaniiru. Daawwannaa isaanii kanan Ministira Muummee obboo Hayilamariyaam Dassaleeny fi Pirizedaant Dr Mulaatuu Tashoomaa wajjiin kan mari’ataniiru. Qondaltoonni Itoophiyaa fi Kuwaataar dhimmoota daldalaa, dinagdee fi nageenyaa ilaalchiisuun waliigaltewwwan adda adda akka mallatteessan miidiyaaleen Itoophiyaa gabaasaniiru Qondaltoonni biyyoota lamaanii waliigaltee dippilomaasii fi namoota paaspoortii addaa qabatan viisaa malee ...

Read More »

Itoophiyaatti labsii yeroo hatattamaa wajjiin walqabatee namoonni baay’een hidhamunii fi ammas hidhaa kun itti fufun akka isa yaadesse Gamtaan Awurooppaa beeksiiseera

Haala qaabins mirga namoomaa fi bulchiinsa gaarii biyyaatti keessa jiru irraatti mari’achuuf jilli ergamaa adda mirga namoonaa gamtichaa Starivoos Lamibiraniidaasiin hogganamu guyyoota sadiif Itoophiyaa daawwachuusa gamtichi beeksiiseera Marii qondaltoota mootummaa Itoophiyaa wajjiin gaggeessen labsii yeroo hatattamaa labsameen lammiileen Itoophiyaa baay’een hidhamuun akka isa yaadesse himeera. Seeri, qajelfamoonni fi danbiiwwaan biyyaatti lammiilee fi paartiileen mormitoota yaada isaanii bilisaan akka hin ibsaneef ...

Read More »

Naannoo Oromiyaatti Abbootiin warraa 200 ol Godinaalee sadii ka’anii Dhidheessaa akka qubatan taasifaman waggoota 7f buufata yeroof keessa jiraachuun rakkoof saaxilamuusanii himaniiru

Abbootiin warraa 200 ol godinaalee Oromiyaa sadii keessaa ka’anii Dhidheessaa akka qubatan taasifaman waggoota 7 darban buufata yeroo keessa maatii isaanii wajjiin akka jiraataniif waan dirqamaniif rakkoo adda addaaf akka saaxilaman himaniiru Abbootiin warraa kunniin buufata yeroo keessaa mana ijaratanii bahuuf qaama mootummaa dhimmi ilaallatu hundaaf gaaffii dhiyeessanis deebii argachuu hin dandeenye jedhaniiru Abbootiiin warraa amma mana jireenya dhabanii rakkatan ...

Read More »

Manni Murtii olaannaa Federaalaa dhaddacha 19ffaa Dr Maraaraa Guddinaa Mirga wabii dhorkateera

Abbaan Alangaa mootummaa Itoophiyaa hayyuu siyaasa beekkamoo fi Hogganaa Paartii Kongrasii Federaliistii Oromoo Dr Maraaraa Guddinaa yakka heeraa Mootummaa diiguu jedhu dabalate kan birootiin himateera. Dr Maraaraan Abbaan Alangaa erga ifaatti isaan himatee booda gara abukaatoota isaaniitiin yakki ittiin himatamanii mirga wabii kan dkoorkachiisuu waan hin taaneef mirgi wabii akka isaaniif kabajamu mana murtiichaa gaafatanii turan. Yaa ta’u malee, ammaas ...

Read More »

Ji’a Bitooteessaa kana keessa roobni kan hin roobne yoo ta’e lakkofsi namoota gargaarsa barbaadanii dabaluu akka danda’au himameera.

Itoophiyaa keessatti naannoolee hongeedhaaf saaxilamanitti ji’a bitooteessaa keessa roobni kan hin roobne yoo ta’e lakkofsi namoota garagaarsa barbaadanii dabaluu akka danda’au himameera. Namoota miiliyoona 5.6 sababaa balaa hongeetiin gargaarsa midhaan nyaataaf saaxilaman hanga ammaatti gargaarsi kennamaaf jira jedhameera. Mootummaan Itoophiyaa fi dhaabbileen mit- mootummaa hojii gargaarsa hawaasummaa irratti bobba’an Lammiilee gargaarsa midhaan nyaata hatattaamaaf saaxilaman gargaaruuf haawasa addunyaaf waamicha dhiyeessanii ...

Read More »

Mootummaa Itoophiyaa hanqina dhiyeessi Faayinansii fi Liqii isa mudatee wajjiin walqabatee daandii baaburaa gara fulduraatti ijaaraman kampaanoota biyyoota alaaf akka kennaman murteesseera.

Haaluma kanaan ijaarsi fi bulchiinsi daandii Baaburaa Mojoo-Hawaasa -Arbaaminic Mooyalee Kampaanota biyyaa alaaf akka kennamuuf sanadiin waliigaltee akka mallateeffame himameera. Korporeshiiniin Daandii Baabura Itoophiyaa Daandii baaburaa ijaarsisuuf maallaqni liqii qaamolee gara garaa irra fudhachaa ture gara qarshii biiliyoona 100 fi biiliyoona 10 gahu gabaasaa mana marii bakka bu’oota ummataaf dhiyeesseen beeksiseera. Ijaarsa Daandii baaburaa karoora Guddinaa fi Tiransformeshiinii marsaa lammaffaa ...

Read More »

Gareen Mootummaa Ijipt Ministeera Qabeenya Bishaanii fi Jallisii hogganamu walgahii hatattamaa biyyoota Sulula Laga Naayeel irratti hirmachuuf Ugaandaa akka jiru gaazeexxaan biyyaatti tokko gabaaseera.

Walgahiin hatattamaa biyyoota sulula laga Naayeel kun walgahii ministeerota qabeenya bishaanii biyyoota sulula lagicha keessatti argaman torbee darbee Suudaanitti ta’aan hordofuun akka qophaa’e himameera. Walgahii Suudaan Kaartuumiitti torbee darbe gaggeeffame irratti Ministeeronni qabeenya bishaanii Ugaandaa, Suudaan, Ijiptii fi Ruwaandaa irraa hirmaataniiru. Itoophiyaa fi keeniyaan gama bakka bu’oota isaaniitiin walgahii kana irratti akka hirmaatan gaazeexxaan Ijipti Daily News jedhamu gabaaseera. Walgahiin ...

Read More »

Pooliisoonni Keeniyaa Afur baqattoota lammiilee Itoophiyaa seeraan ala daangaa keeniyaa seenaanii qabamanii hidhaman 16 irra maallaqaa fudhachuun gadi dhiisaan hidhamaniiru

Baqattoonni lammiilee Itoophiyaa guyyoota murasaan dura gara magaala Mooyaleetiin daangaa qaxxamuruun Keeniyaa Naayiroobii imalaa osoo jiranii bakka Kaartiinaa jedhamutti qabamanii hidhamuusaanii Gaazeexxaan biyyaattiThe Standard jedhamu gabaaseera. Pooliisoonni Keeniyaa Afur lammiilee Itoophiyaa qabanii hidhan kunniin erga qorannoo xumuranii booda Shilingii Keeniyaa kuma 100 fi kuma 28 irra fudhachuun akka gadi dhiisan gaazeexxaan kun gabaaseera. Poolisoonni arfan yakka malanmaltummaa fudhachuu jedhuun akka ...

Read More »

Gaanfa Afriikaatti balaa hoongee wajjiin walqabatee namoonni miiliyoona 23 midhaan nyaata gahaa argachuu akka hin dandeenye himameera.

Biyyoota Gaanfa Afriikaa akka Sudaan Kibbaa, Itoophiyaa, Keeniyaa fi Sumaliiyaatti balaa hoongee cimaa wajjiin walqabatee namoonni miiliyoona 23 midhaan nyaata gahaa argachaa akka hin jirre himameera. Lammileen Sudaan Kibbaa miiliyoonaatti lakkaawaman balaa hoongee damdamachiisuuf tattaafachaa jiru. lammiileen biyyaatti walakkaan yookaan immoo namoonni miiliyoona 4.9 beelaaf saaxilamaniiru. Lakkofsi namoota beelaaf saaxilamanii kunniin hanga yeroo omishni itti aanuu gahuutti dabaluu akka danda’u ...

Read More »

Lammiileen Itoophiyaa Baadiyaa jiraatan dhibbeentaa 51 bishaan dhugaatii qulqulluu hin argatan jedhameera.

Lammiileen Itoophiyaa baadiyaa jiraatan dhibbeentaa 51 bishaan dhugaatii qulqulluu akka hin arganne dhaabbanni Mit-Mootummaa Water Aid gabaasa mata-duree The World’s Water 2017 jedhuun baaseen beeksiisera. Akka gabaasa dhaabbatichaatti, lammiileen Itoophiyaa baadiyaa jiraatan miliyoona 40.9 bishaan dhugaatii qulqulluu waan hin arganeef biyyaatiin biyyoota lammiileen isaanii bishaan qulqulluu hin arganne akka Indiyaa ,Chaayinaa fi Naayjeriyaatti aanuun sadarkaa arfaffaa irra jirti. Itoophiyaa keessatti ...

Read More »