Manni Murtii Olaanoo Federaalaa Himatamtuun Caaltuu Takkalaa Dhadacha tuffate jechun Adabbii Maallaqaa itti murteessee

Manni murtii olaanoo Fedelaaatti dhadachi 19ffaan mana hidhaa keessa kan jirtu shamaree Oromoo Caaltuu Takkalaa dhadacha tuffate jechun adabii maallaqaa itti murteesseera.
Galmee Dachaasaa Moosoosaa jalatti kan himatamte Caaltuu Takkalaa ”Isiin Ihaadiig,Mana Murtii Ihaadigiirra homaa hin eegu” jette dubbate jechun manni murticha adabbii maallaqaa kan itti murteesse
Manni murtichaa dhadacha sadaasa 28 bara 2010 ta’een himatamtoota Oromoo Caaltuu dabalatee galmee Dachaasaa Moosiisaa jalatti kan himataman ofiirra ittisa jechun murtii dabarsuun ni yaadatama.
Ragaan Sanadii wajjiira tikaa abbaan alangaa Caaltuu irratti dhiyeesse waa’ee gara Eeritiraa imaluu ilaalachiisee waan jedhu tokko akka hin jire himameera.
Manni murtichaa garuu gara Eeritiraa imaluuf akka turte ibsuun murtii ofirra ittisi jedhu murteessuun akka ishee gaddisiise Caaltuun dubbate jirti
Caaltuun murtiin ofirra ittisi jedhu kun erga itti murta’ee booda “Mana Murtii Ihaadiigiirra homaa hin eegnu, gara fulduraattiis akka hin arganne yaadna waan jetteef” dhadacha tuffate jechun adabiin maallaqaa birrii dhibbi shan akka itti murta’ee himameera
Manni Murtichaa dhadachaa sadaasa 29 bara 2010 ta’een Caaltuun adabbii maallaqaan akka adabamtu kan itti murteesse.
Shamareen Oromoo Caaltuu Takkalaa himannaa walfakkatuun kana dura himatametee adabbii itti murta’e xumurtee bahuun ishee kan yaadatamudha.