Walgahiin Koree Hojii Raawwachistuu Adda Dimokirasumaa Waarraqsa Ummattoota Itoophiyaan jalqabamee ture addaan cituun himameera.

Walgahiin Koree hojii Raawwachiistu Adda Dimokirasummaa Waarraqsa ummatoota Itoophiyaa(Ihaadiig) gaafa wixaaxa jalqabame turee addaan cituusa gabaafameera.
Miseensoonni koree hojii raawwachistu Addicha haala qabatamaa siyaasa, diinagdee fi hawaasummaa biyyaatti yeroo amma keessa jirtuu fi kallattii gara fulduraa irratti xiyyeeffachuuun akka mari’atu gabaafame ture.
Haaluma kanan walgahiin korichaa obboo Hayilamariyaam Dassalaany hogganaan kun gaafa wixataa jalqabamun himame ture
Yaa ta’u malee, sababa paartiin Dhaabbata Dimokirasummaa Ummata Oromoo fi Waarraqsi Dimokirasummaa Saba Amaaraa walgahiicha dhiisaanii bahaniif walgahiin korichaa itti fufu akka hin dandeenye maddeen oduu gabaasaniiru.
Qondaltoonni Paartiilee lamanii walgahicha dhiisanii kan bahaniif haala nageenya yeroo ammaa naannoo isaanii keessa jiru wajjiin walqabatee walgahicha itti fufu akka hin dandeenye beeksisuun akka ta’e himameera .
Dhaabbanni Dimokirasummaa Ummata Oromoo fi Waarraqsi Dimokirasummaa Saba Amaaraa miseensoota koree hojii raawwachistuu isaanii walgahii hatattamaa waamuun tarkaniiffii gara fulduraa irratti akka mari’atan himameera.
Ministirri Muummee Hayilamariyaam Dassalaany gamasantiin, miseesoonni mana marii bakka bu’oota ummata dhimmicha irratti akka mari’atan afeeraniis, milka’uu hin dandeenye jedhameera.
Dhaabbileen Siyaasa naannoo Oromiyaa fi Amaaraa bulchaa jiran laman ajjeecha raayyaan ittisa biyyaa lammiilee nagaa irratti raawwatu ifatti akka balaleeffatan namoonni baay’een gaafacha jiru
Kana malees, jeneraloonni waayyaannee gocha ajjeechaa lammiilee nagaa irratti akka raawwatamu ajajaan fi harka keessa qaban seeraatti akka dhiyaatan gaafachu qabu jedhameera.