Baratoonni Dhaabbilee Barnootaa Olaanoo adda addaa mormii jalqaban itti fufeera

Yunivarsitoonni fi manneen barnoota Oromiyaa fi naannoo Amaaraa keessa jiran baay’een bakka adeemsi baruu fi barsiisu akkasumas giddugalaa qorannoo fi qo’annoo ta’uun hafee dirree mormiitti jijjiirama jiru.
Keessattu Yunivarsitoonni naannoolee Oromiyaa fi Amaaraatti argaman tibbaana mormii cimaa keessa akka jiran ragaaleen mul’isaniiru.
Tarkaniiffii yunivarsitii Adigraatitti fi Aksumiitti barattoota Oromoo fi Amaaraa irratti fudhatame wajjin walqabatee yunivarsitiiwwaan Waldiyaa, Gondor, Amboo, Wallaggaa, Bahaar-Daar, Walisoo , Dabrataboorii fi Odaa Bultumiitti mormiin barattoota cimee itti fufeera.
Yunivarsitiwwaan kanniin keessattti barattoonni Oromoo fi Amaaraa tokkommaan shira fi gocha sukkaneessaa mootummaan waayyaannee lammiilee biyyaatti irratti raawwatu mormaa jiru.
Loltoonni Agaazii Yunivarsitoota keessa akka bahan, Weerarri Liyyyuu Pooliisii Sumaalee yaa dhaabbatu , ajjeechaa lammiilee nagaa irratti raawwatamu yaa dhaabbatu fi qamooleen namoota nagaa ajjeessan seeraatti akka dhiyeetan barattoonni gaafataniiru
Yunivarsitoonni biyyaatti baay’een yeroo ammaa buufata Loltooa Agaazii fi Pooliisii Federaalaa akka ta’an himameera.
Loltoonni Agaazii Mootummaan Itoophiyaa aangoo dheereffachuuf jecha mooraa yunivarsitoota keessatti bobbase, barattoota bahuu fi galuu dhoorkuun sodaachisa akka jiran himameera.
Yunivarsiitii Wallaggaa kaampaasii Shaambuutti immoo mormii barattoota wajjiin walqabatee lubbuu barattoota saba tokko lamaa akka darbe himameera.
Barattoonni kunniin qaama hin beekamneen akka ajjeeffaman himamuus namoonni yakka raawwatan jedhamanii shakkaman to’aannoo jala oolfamuusaanii gabaafameera.
Godina Harargge Lixaa magaalaa Cirooti baratoonni Koolleejjii Teekinikaa fi ogummaaa Carcar mormiirra akka turan himameera
Bifuma walfakkatuun, Magaala Amboo giddugala qabsoo Oromoo fi seena qabeetti mormiin ummaata bifa haaraan jalqabameera.
Daandiin guddaan magaala Amboo qaxxamuruun Finfinnee gara wallaggaa geessu bakka adda addaatti dhagaan akka cufame himameera.
Mootummaan Itoophiyaa gaaffii fi mormii ummataa biyyaatti loltoota Agaazii bobbasuun ukkamsuuf yaaluus badiirratti badii biraa dabaluun ummataa dallansiisuu itti fufeera.
Loltoonni Agaazii aangoo mootummaa abbaa irree waayyaannee dheeresuuf namoota nagaa ajjeessu itti fufaniis mormii jalqabame bifa jijjirachun cimee itti fufeera.
Mormii Ummataa fi barattoota bifaa haaraan jalqabame kana wajjiin walqabatee tajaalli Interneetii addaan cituu akka danda’u himama jira.