Naannoo Amaaraatti daandiwwan gurguddoon Gojjam fi Gondor keessa jiran Pooliisii Federaalaan eeggumsa fi sakkata’insi guddaan Taasifamaf akka jiru himame

Naannoo Amaaraa Magaloota adda addaa keessatti tasgabbiin dhabamuu ragaaleen mul’isaniiru.
Miseensoonni Pooliisii Federaalaa fi milishoonni daandiwwan gurguddoo Gondor fi Gojjaam Keessa jiran sakkata’aa fi eggumsa guddaa gocha akka jiran beekameera.
Miseensoonni Pooliisii Federaalaa baay’een daandiwwaan kanniin irratti kan mul’atan yoo ta’u, sakkata’iinsaa cimaa gocha jiru
Keessattu daandiwwaan konkolattooni fe’uumsa gurguddoon midhaanii fi Oomishaalee adda addaa fe’aan itti baay’ataniif eggumsi cimaan taasifamaaf jiraachun himameera.
Eggumsi kun irra caalaan kan irratti xiyyeeffate konkolattoota gara naannoo Tigraay imalan balaarra ittisuuf akka ta’e ragaaleen mul’isaniiru
Oduu biraa immoo,magaalota naanniicha mormiin ummata ni jalqaba jedhame sodaatamutti loltoonni baay’een bobba’a akka jiran himameera
Miseensoonni raayyaa Ittisa biyyaa baay’een haala kan dura mul’atee hin beekamneen magaloota Bahaar-Daar, Dabrataboor, Waldiyaa, Dasee fi Dabramaerqoositti bobba’aniiru.
Dhabbiileen Barnoota olaanoon naannoo Amaaraa keessatti argaman baay’eetti adeemsi baruu fi barsiisuu akkuma addan citeetti jira.
Mootummaan waayyaannee barattoota gara maatii isaanii hin deemne dirqamsiisee barnoota jalqabsiisuuf yaaluus hin milkoofneef jedhameera
Yunivarsitoota mormiin baay’inaan keessatti hin mul’aneetti immoo baratoonni meeshaa isaanii fudhatanii moora keessa akka hin baaneef eyyama dhoorkatamusaanii himameera.
Yunivarsitii Gambeellaa, Affaar fi Asoosaatti mormiin barattoota akka hin jalqabamne sodaachun meeshaa isaanii moora keessa akka hin baasne eyyama dhoorkatamaniiru