Baqattoota Itoophiyaa Awurrooppaa gara biyyaatti deebisuuf akka karoorfame himame

Baqattoota Itoophiyaa eyyama jireenya yookan sanadii barbaachiisa hin qabne fedhii fi humnaan gara biyyaatti deebisuuf Gamtaan Awurrooppaa fi mootummaan Itoophiyaa waliigaluun isaanii beekameera.
Akkaata waliigaltee kanan, Wajjiirri tikaa Itoophiyaa baqattoota Awurrooppaa gara biyyaatti fedhii fi humnaan deebisuuf deeggarsa guutuu gochuuf waadaa galeera
Baqattoonni paaspoortii lamummaa isaanii mul’isu hin qabneef wajjiirri tikaa Itoophiyaa eenyummaa isaanii erga mirkaneeffatee booda garaa ministeera dhimma alaan sanadii imala akka qopheessuuf waliigalameera
Wajjiirri tikaa mootummaa Itoophiyaa eenyummaan baqattootaa guyyoota 15 keessatti erga mirkaneeffate booda ministeerri Dhimma Alaa immoo guyyoota sadii keessatti sanadii imalaa akka qopheessu beekameera.
Baqattoonni Itoophiyaa rakkoo Siyaasa, diinagdee fi hawasummaa biyyaatti isaan mudatuu jala bahuuf balaa sukkaneessa keessa darbuun Awurrooppaa kan gahan.
Baqattoonni baay’een bu’aa ba’ii gammoojjii Sahaaraa fi dararamaa gabrummaa Liibiyaa keessa darbuun wayita gara Awurrooppaa ce’uuf yaalaan irbaata qurxumii ta’uun galaana keessatti hafaniiru.
Akka carraa ta’een garaa adda addaan Awurrooppaa kan gahan immoo jireenya baqattummaan eyyama jireenya dhabuun rakkoo hamaaf saaxilamaniiru.
Baqqattoonni Itoophiyaa rakkoo kana hunda keessa darbanii amma Gamtaan Awurrooppaa eyyama hojii dhoorkachuun gara biyyaatti deebisuuf qondaltoota mootummaa Itoophiyaa wajjiin waliigaleera
Wajjiirri Tikaa Itoophiyaa waliigaltee baqattoota fedhii fi humnaan gara biyyaatti deebisuuf irra gahame kana hojiirra oolchuuf ittigaafatamummaa fudhateera.
Baqattoonni Itoophiyaa fedhii fi dirqisifamanii gara Itoophiyaa erga deebi’aanii booda Gamataan Awurrooppaa maallaqa deebisanii damdamachiisu mootummaa Itoophiyaaf akka kennu sanadii icitii kanarra hubatameera.
Dhimmi Baqattoota Itoophiyaa darara siyaasa mootummaa waayyaannee jala miliquuf biyyaa bahanii ilaalchise sanadii kanan waan ibsame hin jiru