Jilli Hoggantuu Dhaabbata Maallaqaa Addunyaa ( IMF) Itoophiyaa akka daawwaatu himame

Jilli Hoggantuu dhaabbata maallaqaa addunyaa Kiristaan Laagaardiin hogganamu hanqina sharfa alaa biyyaatti hudhee qabee irratti mar’achuuf gara Itooophiyaa akka imalu beekameera.
Jilli kun gara itoophiyaa kan imaluuf hanqinni sharafa alaa fi haali diinagdee biyaattii waan isa yaaddeesseef jedhameera
Kuusaan sharafa alaa Itoophiyaa gara dolaarii miiliyoona 700 kan gadi bu’ee yoo ta,u, hanqina sharafa alaa wajjiin walqabatee meeshaalee buufata doonii jibuutii irratti kuufaman gara biyyaa keessa galchuun akka hin danda’amne himameera
Kuusaan maallaqaa sharafa alaa yeroo amma Itoophiyaan qabdu dolaarii miiliyoona 700 kun torbee sadii qofaaf kan gahu jedhameera
Daladaltoonni daladala alaa irratti bobba’an sharafa alaa argachuuf dabaree eegaa akka jiran himameera
Hanqinni sharafa alaa guddina diinagdee biyyaatti irratti rakkoo guddaa fidaa akka jiru himameera
Pirojektoonni gurguddoon rakkoo hawaasumaa fi diingdee lammiileen biyyaatti ni furu jedhamanii abdataman baay’een sababa hanqina sharafa alaan akka hin jalqabamne ragaaleen mul’isaniiru
Sababa hanqina sharafa alaa wajjiin walqabateen Itiyoo-Teeleekoom fi Dhaabbanni doonii daladalaa Itoophiyaa maallaqa liqii isaaniirra jiru kaffaluu akka hin dandeenye beeksisaniiru
Dhaabbanni Doonii Daladalaa Itoophiyaa dolaariin miiliyoona 100 baankii biyyaaleessa keessa qabu sababa hanqina sharafa alaa wajjiin walqabatee akka gadi hin dhiifamneef beeksiseera.
Hanqinni sharafa alaa bittaa boba’aa fi qorichaa irratti dhiibbaa uumaa waan jiruuf qaala’iinsa gatii fiduus himameera
Rakkoon hanqina sharafa alaa Itoophiyaa yeroo gara yeroo dabalaa dhufe irratti mari’achuuf jilli hoggantuu dhaabbata Maallaqa Addunyaa Kiristaan Laagardiin hogganamu gara finfinnee akka imalu himameera
Jilli kun yoom gara Finfinnee akka imalu guyyaan adda bahee beekamu baatuus, yeroo dhiyoo keessatti ta’u mala jedhameera.
Hoggantuun dhaabbatichaa qondaltoota mootummaa Itoophiyaa wajjiin haala liqii biyyaattiif kennamu irratti ni mari’atu jedhame eegama.
Mootummaan Itoophiyaa ijaarsa pirojektoota gurguddoo yeroof dhaabuu akkasumas dhaabbilee mootummaa gurguddoo akka Teeleekomunikeshinii gara dhuunfaatti akka jijjiiru gaafachun qabxii marii ta’u mala jedhame.