Jirattoonni Godinaalee Oromiyaa adda addaa ajjeechaa Calanqoo balaleeffataniiru.

Jirattoonni Godinaalee Oromiyaa adda addaa ajjeechaa raayyaan ittisa biyyaa Calanqootti raawwate fi darara ummatarraan gahaa jiru hiriira bahan balaleeffataniiru.
Haaluma kanan, Godina Iluu Abbaa Booraa Magaalaa Mattuutti barattoonni manneen barnootaa sadarkaa 1ffaa fi 2ffaa magaalatti keessatti argaman yeroo lammaffaaf hiriira bahuun gadda isaanii ibsacha oolaniiru.
Barattoonni Manneen barnoota magaala Mattuu dhadannoo Ajjeechaa fi gaaga’amni Ummata Oromoo iratti raawwatamu yaa dhaabbatu,Abbaan biyyummaa Oromoo yaa mirkanaa’u jedhu qabachun hirrira bahaniiru.
Akkasumas, liyyuu Pooliisiin naannoo Sumaalee lammiilee oromoo weeraru seeratti ha dhiyaatu fi Lammileen Oromoo yakka tokko malee manneen hidhaa waayyaannee keessatti dararamaa jiran akka gadhiifaman gaafataniiru.
Baratoonni harka isaanii lamaniin mataa qabachun ajjeechaa raayyaan ittisa biyyaa fi Liyyuu Pooliisiin naannoo Sumaalee Laammiilee oromoo irratti raawwatan balaleeffataniiru.
Bifuma walfakkatuun, jirattoonni magaala Dambdoolloo kumatamatti lakkawaman ajjeecha raayyaan ittisa biyyaa jirattoota Calanqoo irratti raawwatame hiriira bahun balaleeffataniiru.
Raayyaan Ittisa gandoota fi magaloota Oromiyaa adda addaa keessa bobba’uun ummata dararaa jiru hatattamaan akka bahu jirattoonni magaala Dambdolloo hiriira mormiin gaafataniiru.
Hiriira mormii Istadiyeemii magaala Dambdollootti gaggeeffame kanarratti jirattoonni, Barattoonni fi hojjattoonni Mootumma hirmachun lammiilee calanqootti Raayyaa ittisa biyyaan ajjeeffaman yaadataniiru.
Qeerroo magaala Ciroos haala yeroo naannoo Oromiyaa fi ummata oromoo irratti mari’achaa akka turan himameera.
Ajjeechaa fi weerarri liyyuu Pooliisii fi Raayyaan Ittisa Biyyaa ummata Oromoo irrat raawacha jiran cimsanii akka balaalefatan beeksisaniiru.
Godina Gujii Aanaa Wadaaraa fi Shakkisootti mormiin ummataa itti fufeera.
Bifuma walfakkatuun,Godina Booranaa daandii magaala Yaaballoo hanga Moyyaalee giddutti Raayyaan Ittisa biyyaa namoonni nagaa 7 akka ajjeesse himameera
Raayyaan Ittisa biyyaa kun walitti bu’iinsa Liyyuu Pooliisii naannoo Sumaalee fi Horsiise bultoota Oromoo Booranaa gidduu seenuun lammiilee Oromoo akka ajjeesse ragaaleen mul’isaniiru
Tarkaniiffii Raayyaa ittisa biyyaa kanan namoonni baay’een mada’aniiru.
Manneen barnoota, Daldalaa fi tajaajil Geejjibaa Gandoota Aanaa Yaaballoo keessatti argaman cufamaniiru.