Rakkoon Hawasummaa Oomishni Sookkoo Laga Danbii Jirattoota Aanaa Oddoo Shakkisoo irran gaha jiru cimee akka itti fufe himameera.

Godina Gujii aanaa Oddoo Shakkisootti, Oomishni Sookkoo (warqii) Laga Danbii Midirookiin Oomishamu jirattoota rakkoo fayyaaf saaxila akka jiru BBCn gabaaseera.
Akka gabaasa BBCtti, Keemikaalli Sanayiidii kaampaaniich Sookkoo qulqulleesuuf itti fayyadamu jirattoota dhukkuba Onnee, Bowwoo mataa, Sammuu fi Narvii saaxila akka jiru ogeessoonni fayyaa himaniiru
Rakkoon Hawasummaa fi diinagdee Kaampaniin Oomisha albuuda Sookkoo laga danbii jirattoota aanaa Oddoo Shakkisoo irraan gahaa jiru yeroo gara yerootti cimee ittifufusaa BBC jirattoota wabeeffachhun gabaaseera
Gaazexxeessaan BBC gara aanaa Oddoo Shakkisoo deemuun hoggantoota mootummaa, jirattoota fi Ogeessoota fayyaa dubbisuun “Oddoo Shakkisoo biyyaa Sookkoon summii itti ta’e” jechun haala rakkisaa jirattoonni keessa jiran gabaaseera.
Keemikaalli Sanayiidii Midirook Sookkoo qulqulleesuuf itti fayyadamu kun dhukkubaa bowwoo mataa, Narvii , Onnee fi Sammuuttiif jirattoota saaxilaa akka jiru Itti-aanaa Itti gaafataman Wajjiira Fayyaa Aanaa Oddoo Shakkisoo obboo Xoonaa Waaree
Keemikaalli kun albudoota lafee namaa jajjabeessuuf fayyadan qaama namaa keessa hir’isuun lafee namaa haphasee akka caccabu gochaa jira jedhan.
Rakkoon keemikaalichaa wajjiin walqabatee ulfi dubartootarra akk bahu gochu, Daa’immaan mataa malee dhalachuu, mataan daa’immaan dhalatanii baay’ee xiqqachuu , Harkaa fi Ijji isaanii miidhamee dhalachuu, akkasumas dhukkubni Narvii dabalu gocha jiras jira.
Aana Oddoo Shakkisoo keessatti lakkofsi namoota qaama miidhamtoota saffisaan dabalaa akka dhufees beeksisaniiru
Beelladoonni manaa fi bosonaa lagaa keemikaala kanan faalame dhuganiis kan du’an yoo ta’u , kan qilleensa faalame keessa turan immoo kufanii ka’uu akka hin dandeenye obboo Xoonaan BBCtti himaniiru
Balaan Keemikaalli kun Beelladoota manaa fi Bosonaa irraan gahaa jiru jirattoota miidhaa jira
Oomishin Sookkoo laga Danbii Shee Mahammad Alamuddiin miidha qaqqabsiisu malee jirattoota aaniichaa fi magaala Shakkisoof bu’aan buuse tokkolee akka hin jire jirattoonni dubbataniiru
Kampaaniichi jirattoota naannichaa hojiilee misoomaa hojjachuun hafee, carraa hojiituu uumuu akka hin dandeenye himameera
Daandiin Asfaaliitti waggoota saddeetiin dura jalqabame hanga amma xummuramuu akka hin dandeenye jirattoonni beeksisaniiru
Kampaaniin Midirook lafa oomisha albuuda sookkoo akka lakkofsa warra faranjoota bara 1998 dolaarii miiliyoona 100 fi miiliyoona 72 waggoota 20f liiziidhan mootummaa Itoophiyaa harka fudhachuun kan yaadatamudha
Kaampaniichi waggoota 16 keessatti oomisha Albuuda oomisheerra galii birrii biiliyoona 17 argachun himameera.
Waliigalteen Oomisha albuuda sookkoo Laga Danbii midirook kun ji’a tokkon booda kan xumuramu yoo ta’u, waliigalticha irra deebiin haaromsifachuuf gaaffii dhiyeesseera