Jilli Aadaa Oromiyaa Guyyaa Sabaa fi sablamoota irratti hirmaate qabatamaa yeroo amma ummanni Oromiyaa keessa jiru mul’iseera.

Mootummaan Itoophiyaa wagga waggaan sadaasa 29 guyyaa sabaa fi sablamoota biyyaatti jechun magaloota naannoolee adda addaa keessatti kabaja tureera.
Sadaasni 29 guyyaa heerri mootummaa waayyaannee mirga fi walqixummaa sabaa fi sablamoota mirkaneesse jedhame ragga’ee hojiirra oolee waan ta’eef guyyaan kun kan kabajamu
Heerri mootummaa Itoophiyaa gaaffii eenyummaa lammiilee biyyaatti kan deebise osoo hin taane eenyummaa, mirgaa fi walqixummaa ummata biyyaatti kan ukkamse ta’u hayyoonni beeksisaniiru
Addi Bilisaa Baasaa ummata Tigraaya heera mootummaa haala olantummaa siyaasa , diingdee fi hawasummaa saba tokko qofa mirkaneessuun qopheessun waggoota 26 darban itti fayyadameera.
Bakka bu’oonni Aadaa Sabaa fi sablamoonni biyyaatti waggaa waggaan sadaasa 29 magaalota adda addaatti walgahuun sirbaa fi shubbisaa naannoo isaanii waan agarsiisabniif qofa akka walqixummaan isaanii mirkana’eetti ilaalama jira .
Bara kanaas bakka lammiileen Oromoo miiliyoona wadhakaa ol naannoo Sumaaleerraa oromoo waan ta’aniif qofaf buqqa’aanii kaampii keessa osoo jiraatan guyyaan sabaa fi sablamoota naannoo Affaar magaala Samaraatti kabajameera.
Jilli Aadaa Oromoo guyyaa sabaa fi sablamoota naannoo Affaar magaala Samaraatti kabajame irratti hirmaate shubbisaa dhiisuun callisee haala qabatamaa ummanni Oromoo fi Oromiyaa keessa jirtu mul’iseera.
Hirmattoonni naannoolee biroo uffataa aadaa uffachuun sirbaa aadaa naannoo isaanii calaqisiisuu sirbuun guyyaa sabaa fi sablamoota jedhame kana kabajaniiru.
Jilli Aadaa Oromoo kabaja guyyaa sabaa fi sablamoota irratti hitrmaate gammachun osoo hin taane gaddaan, addaan bittina’uun osoo hin taane tokkummaa cimaa mul’isuun kabajeera.
Jilli Aadaa Oromoo guyyaa sabaa fi sablamoota irratti erga tokkummaa diinaa ummataa Oromoo sirna kabaja ayyaanichaarra turan rifachisuu fi ummataa Oromoo boonsuun kabajeera
Jilli aadaa oromoo sirbuu fi osoo hin taane gaddaa guddaa dhalattoonni Oromoo yeroo ammaa keessa jiran mil’isuuf garaa Samaraa akka imalan miseesensoonni jila kana himaniiru
Jilli aadaa naannoolee biroo sirbaa fi shubbisaa qondaltoota mootummaa Itoophiyaa fuldura wayita darban jilli aadaa oromoo garuu qondaltoota fuldura ta’uun gaddaa fi mormiisa mul’iseera.
Ministiira Muummee Obboo Hayilamriyaam Dassalaany dabalatee Pirezedantoonni naannoolee hundaa fi ministiroonni uffata adii uffachuun ayyaanicha kabajaa oolaniiru
Pirezidantiin naannoo Oromiyaa obboo Lammaa Magarsaa gamasantiin, uffata gurraacha uffachuun gadda dhalattoota Oromoorra miseensoota Liyyuu Pooliisii naannoo Sumaalee fi raayyaa ittisa biyyaan gahaa jiru mil’isaniiru
Qondaltoonni waaayyaannee guyyaa sabaa fi sablamoota wayita kabajan dhalattoonni Oromoo daangaa naannoo Sumaaleerra jiran weerara liyyuu Pooliisiin ajjeeffama jiru.
Qondaltoonni biyyaatti olaanoo Samaraatti guyyaa sabaa fi sablamoota wayita kabaan Liyyuu Pooliisiin naannoo Sumaalee jirattoota aanaa mi’eessoo fi baabbilee weerarun balaa qaqqabsiisu itti fufaniiru.
Oduu biraan immoo, jirattoonni fi barattoonni magaalaa Asallaa hiriira mormiirra akka oolan himameera.
Jirattoonni dhadannoo Abbaan biyyaa Oromoodha, weerarri Liyyuu pooliisii yaa dhaabbatu. Hidhamtoonni Siyaasa oromoo hatattamaan yaa hiikaman kan jedhu fi kan biroo dhaggeessiisa akka turan himaeera.